Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Talaalliin Pfizer akaakuu Koronaavayirasii isa haaraa ‘ittisuu danda’a' jedhame
Talaalliin Pfizer/BioNTech jedhamu akaakuu koronaavayirasii haaraa ittisuu akka danda’u qorannoon laabraatorii mul’ise.
Ta’us garuu, kun akaakuu jijjiiramaa hedduu vaayirasicha irratti argaman keessaa isa tokko.
Kanaaf qorannoon kun simatamus, akkataa talaalichii hojjachuu danda’u irrattio akka saayinsiin mirka’naa’aatti hin fudhaatamne.
Koronaavayirasiin akaakuun haaraa UK fi Afrikaa Kibbaa keessatti argamaniiru.
Vaayirasoonni haaraa lamaan argaman kunneen aariitisaffisaan tatamsaa’aa waan jiraniif talaalliin kun ittisaa akkamii keennuu danda’a gaaffii jedhu kaaseera.
Ilaalchi bal’inaan jiru talaallichi ammayyu akka hojjatudha, qorattoonni garuu raga argachuuf barbaada jiru.
Qorannoon Yunivarsitii Teexaas Damee Biraanch akaakuu haaraa vaayirasichi itti jijjiiramu N501Y jedhamu kan vaayirasii haaraa lamaan irratti argame irratti xiyyeefatee hojjata.
Kun barbaachisaadha jedhame kan ilaalamu sababa inni kun qaama vaayirasichaa jalqaba seelii qaama keenya qabachuun of geeddaree seenuun dhukkubicha isa qaqqabsiisu waan ta’eef.
‘Oduu gaarii’
Qorattoonni gosa vaayirasichaa lamaanuu irratti -tokko akaakuu vaayirasichaa haaraa tokko ammoo isuma duraa- irratti qorannoo gaggeessuuf vaayirisicha samuuda dhiigaa namoota talaalicha fudhatan 20 irraa sassabamee keessa galchan.
Bu’aan isaa sirna ittisa dhibee namoota talaalicha fudhatanii jijjirama isaa haaraa akka ittisuu danda’e agarsiiseera.
Haata'u malee, vaayirasiin haaraa dhufe kun yoo walitti dhufan sirna dhibee ittisaa qaama namaa weeraruu danda’an of keessaa qabaachuu mala.
"Akaakuun filatame akaakuu jijjiiramaan dhufe saddeet keessaa inni UKtti argame keessatti argama. Kanarayyuu qofaa isaa kan dhibbaa guddaa uumaa jedhame kan hin eegamnedha,” jechuun Yunivarsitii Kaambiriij irraa Piroofesar Raavi Guptaa dubbataniiru.
Mana Barumsaa Meedisiniifi Qulqullinaa Landan irraa Piroof Isteefan Iivaans, “Utuu bu’aa fallaa ta’etu argame ta’ee… wanta hamaa i kan hedduu nama yaaddeessu ta’a ture.”
“Kanaan, eyyeen kun oduu gaariidha, garuu talaalliin Pfizer (ykn biroon) guutummatti nurraa ittisuu danda’u kan jedhuuf amantaa guutuu nuUf hin kennu,” jedhaniiru.