Koroonaavaayiras: Daandiiin xiyyaaraa Emireetis imaltoota Covid-19’n miidhamaniif baasii wal’aansaa fi awwaalchaa kaffaluufi

Crew members from Emirates airline are seen leaving Hong Kong international airport.

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Daandiiin xiyyaaraa Emireetis inshuraansii Covid-19 bilisaa imaltootaaf dhiyeessuun daandii xayyaaraa jalqabaa tahe.

Daandiin xiyyaarichaa kan murteesse imaltoonni akka xiyyaaraan imaluutti deebi’an jajjabeessuuf akka tahes himame.

Imaltoonni balaliirratti vaayirasiin yoo qabaman, daandiin xiyyaarichaa baasii wal’aansaa, akkasumas yoo du’animmoo kan sirna awwaalchaa kaffala.

Kana malee, namoota addatti bahanii tursiifamaniif baasii barbaachisaan guyyaan kaffala.

Daandiin xiyyaarichaa beeksisa haaraa kan baase yeroo balaliin xiyyaarotaa weerara koroonaavaayirasiin to’achuutti akka jabduu miidhamee jirutti.

Jalqaba ji’a kanaatti daandiin xiyyaarichaa hojjattoota waliigalatti 60,000 qabu keessaa carraa hojii 9,000 cufuuf murteessuu beeksisee ture.

Walitti qabaan gartuu Emireet Sheek Ahmad Biin Seeyid Al Maktuum, namoonni imalasaanii yeroo biraatti daddabarsaa turuu kaasuun, imalarratti waan isaan mudatuuf wabii argannaan gara balaliitti suutaan ni deebi’u jedhanii akka abdatan himan.

Inshuraansiin kun imaltoonni xiyyaaraan imalan otoo hin galmaa’iin illee akka kennamuu fi yeroo xiyyaarichaan imalaniirraa kaaase guyyoota 31f inshuraansiin kun fudhatama qabaata.

Daandiin xiyyaaraa kun inshuraansii wal’aansaa amma $176,500 baasuun nama xiyyaarichaan imalee dhukkubsate wal’aansisuuf eeyyameera.

Kana malees, nama torban lamaaf addatti fo’ame tursiifameef guyyatti amma yuuroo 100 kaffala. Sirna awwaalchaaf immoo yuuroo 1,500 akka kaffalu daandiin xiyyaarichaa beeksise.

Sodaa balali'uu

Barana sababii weerara dhibeetiin biyyoonni daangaa cufachuu fi namoonnis vaayirasichaan qabamna jedhanii sodaachuun bakkaa bakkatti imaluurraa of qusachuusaaniitiin daandiin xiyyaarotaa miidhamaniiru.

Sirnoonni akka dorgommii Olompikii, agarsiifni muuziqaa fi yaa’iin gurguddoon haqamuun fedhii namoonni imalaaf qabanirratti dhiibbaa uumeera.

Xumura ji'a darbeerratti Waldaan geejjiba qilleensaa idil-addunyaa (IATA) yeroo galiin daandii xiyyaarota bara kamiyyuu caalaa harkaa one jedhe ibse.

Bara kana keessa weerarri koronaavaayirasii daandii xiyyaarotaa doolaara Ameerikaa biiliyoona 84 dhabsiise. Galii bara darbee wajjiin wayita madaalamu harka walakkaan galiin isaanii gadi hir’ate.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa