Komishiniin Poolisii Federaalaa ayyanni masqalaa nagaan akka hin kabajamneef qaamni socho'u jiraachuu odeeffannoo qaba jedhe

Madda suuraa, ZACHARIAS ABUBEKER
Poolisiin Federaalaa ayyaanni Masqalaa nagayaan akka kabajamuuf qophii ga'aa gochuu beeksise.
Ayyaanni Damaraaf Masqalaa nagaan akka hin kabajamne qaamotni soch'aa jiran odeeffannoo argadheera jedhe Poolisiin Federaalaa.
Kanaafuu ayyaanicharratti barreeffamoota ergaa jibbiinsaa fi tokko xiqqeessanii kaan faarsan qabachuun, ajandaa dhuunfaa fi walitti bu'iinsaa tarkaanfachiisan leellisuun dhoorkadha ibsi poolisiin kenne.
Ayyaanni Masqalaarratti alaabaa heeran eeyyamameen ala bakka Daamaraatti qabatanii argamuun hin danda'amus jedheera.
Alaabaa heera mootummaatin eeyyamameen alaa fi asxaalee garaagaraa gara ayyaanichaa qabatanii seenun hin danda'amu jedheera.
Miseensotni garee shororkeessaa idil addunyaa IS fi Al-shabaab tibbana Finfinnee fi naannaa ishee irratti haleellaa raawwachuuf osoo qophaa'aa jiranii toi'atamuu kan yaadachiise komishinichi ammas Kanaan mufatanii akka jiran himaniiru.
Kanaafuu carraa jiru hundumaatti fayyadamuun haleellaa geesisuuf akka yaadan karaa dhabbata Tikaa fi odeeffannoo biyyaa odeeffannoo qabnas jedhan.
Kanaafuu yeroo gara ayyaanichaa dhuftan sochii fi to'annoo poolisiin taasisu yaada keessa galchuu qabdu kan jedhe poolisiin ibsa isaan deeggarsa barbaachisaa uummatni akka kennuu qabus gaafateera.
Dabalataan sochii ayyanichaan adda tahe yoo arges eeruu kennuu akka qabu himan.
Ayyaanni Damaraa fi Masqalaa hambaa kiliyaa addunyaa ta'ee galmaa'uun hawwata tuuriizimii biyyaa taheera.
Meeshaan waraanaa hedduun Finfiinnee fi naannaa isheetti yeroo hedduu qabamaa turuun isaas gabaafamaa ture. Tibbanas haaluma wal fakkaatuun to'annoo jala oolfamaa jiru.
Magaalaa Finfinneetti ayyaana Masqalaan boodas ayyaanni Irreechaa waggoota dheeraan booda ni kabajama.














