"Ijoollee koo iddoon dhoksu wallaalee uuffata gurraacha itti uwwiseen ture"

Jiraattuu magaalaa Jigjigaa
Maxxanfame

"Ijoollee koo bakkan dhoksu na dhibee uuffata gurraacha itti uwwiseen ture" jedhu jiraattuun magaala Jigjigaa aadde Burtukaan Laggasa.

Adoolessa 28 darbe magaalaan Jigjigaa gama tokkoon gammachuufi araara gama biraan immoo seenaa gurraacha bara 2010 keessummeessite yaadataa turte.

Waggaa tokko dura Adoolessa 28 bara 2010 haleellaan magaalattii keessatti amantaa fi sabummaa bu'uura godhachun raawwatame lubbuu namoota heddu galaafate, dubartootni heddu akka gudeedamanif sababa ta'e, namootni qaamni isaanii miidhames dhibbaan lakka'ama.

Kana malees qabeenyi namoota dhuunfaa fi dhaabbilee heddu ni saamame. Kan barbadaa'es danuu dha. Namootni hedduus Jigjigaa dhiisanii baqatan.

Mootummaan Itoophiyaa yeroo sanatti guyyoota sadi keessatti Jigjigaatti namootni 58 bifa suukkaneessaa ta'een ajjeefamuu isaanii himee ture.

Waggaa tokko booda amma Jigjigaan maalirra jirti? Jiraattota fi angawoota haasofsiisnee waan ofii ilaalles itti daballee gabaasa kana sinif barreesine.

"Alaabaa keenya yoon argu imimmaan natti dhufe…"

Dargaggoo naannoo Somaalee jiraatu

Dargaggoo Mazgabuu Boggaala waggaa tokkon dura yeroo rakkoon nageenyaa magaala Jigjigaa jeequ manni rifeensaa isaa guutumaan guututti saamame.

Innis lubbuu isaa oolfachuuf gara godina Harargee Lixaatti godaanun kaampii baqattootaa seene.

Amma waggaa tokko booda Mazgabuun magaala Jigjigaatti deebi'ee mana rifeensaa xiqqoo banatee hojjeta.

Waggoota darbanitti dhalataa Oromoo ta'uu isaatin naannicha keessatti miidhamaa turuusaa kan dubbatu dargaggoon kun jijjiiramni biyyattii keessatti erga eegalee as nagahaan jiraachaa akka jiru nutti hime. "Duraan Oromoodha jedhee himachuuf nan saalfadha ture. Amma garuu namummaan koo naaf kabajamaa jira. Oromummaa kootinis nan boona" jedha.

"Alaabaan naannoo Oromiyaa as keessa gubachaa ture. Amma garuu yeroon alaabaa keenya magaala kana keessatti argu imimmaantu natti dhufe" jechuun dargaggoo Mazgabuu hima.

"Jigjigaa biyya koo…"

Siidaa magaalaa Jigjigaa

Aadde Burtukaan Laggasa magaala Jigjigaa keessa waggoota digdamaaf jiraataniiru. Ijjoollen lamaan qabanis magaaluma kana keessatti dhalatanii guddatan.

"Gochaan waggaa tokkon dura nurratti raawwatame shira siyaasaati malee waan uummatni Somaalee nurratti raawwate miti" jechuun himu aadde Burtukaan.

Yeroo rakkoon nageenyaa magaala Jigjigaatti uummamu ulfa ji'a torbaa kan turan aadde Burtukaan "iddoon ijoollee koo itti dhoksu na dhibee uuffata gurraacha itti uwwiseen ture" jedhan.

Boodas ulfa ji'a torbaa ta'anii magaala waggoota 20f keessa jiraatan dhiisanii baqatan. Daa'ima isaanii sadaffaas Jigjigaadhaa baqatanii maatii isaanii biratti dahan.

"Jigjigaan biyya kooti jedhee ergan baqadhee ji'oota torba booda deebi'ee dhufe" jedhan aadde Burtukaan.

Araaraafi Nagaa

Tumsa pireezidaantin naannichaa Musxafee Mahaammad fi qaamoleen biroo taasisanin naannoon Somaalee rakkoo nageenyaa isa miidhaa ture irraa bayyanachaa jira.

Lammiileen naannicha keessaa buqqa'anii turan gara qe'ee isaaniitti deebi'aa jiru.

Sochiin daldalaa magaala Jigjigaa keessaas ta'ee kan naannoo Oromiyaa walin jiru haala fooyyee irratti argama.

Dhaabbileen bara darbe saamichi irratti raawwatame kunneen akka baankii fi inshuraansiis maammiltoota isaanif tajaajila kennaa jiru.

Musxafaa Mahaammad Igaal miseensa ulamaafi jaarsa biyyaati. "Akkuma agartan magaala Jigjigaatti namni halkanif guyyaa daldala.

Duraan galgaloofnaan dukkaanni hundu ni cufama ture. Galgala sa'aa tokko irratti namni waraqaa eenyummaa gaafatama ture. Amma namuu waraqaa eenyummaa hin gaafatamu. Waajjiraaleen mootummaa hundi banaa dha.

Dhaabbileen daldalaas hanga halkan keessaa sa'aa shaniitti banaadha" jedhu.

Magaala Jigjigaa mana amantaa Ortodoksii keessatti kan haasofsiisne Efreem Salamoon immoo "waan nurra gahe irraanfannee, araaramnee, sodaa keenyas garaa keessaa baafannee walin jiraachaa jirra" jechuun nutti hime.

Maanguddoo Somaalee

Jalqaba torbee kanaatti BBC walin turtii kan taasisan preezidaantin naannoo Somaalee Musxafee Mahaammad Umar "xiyyeeffannoon keenya ijoon haleellaan akka bara darbee naannoo keenya keessatti irra deebin akka hin raawwatamne gochuu dha.

Waggaa tokko darbe keessa rakkoon hoomtuu hin uumamne. Namni kamiyyuu amantaa fedhe hordofee jiraachuu danda'a. Kanaafis mootummaan naannichaa itti gaafatamummaa ni fudhata" jedhaniiru.

Boru hoo?

Ibsa waa'ee viidiyoo, Jireenya naannoo Somaalee

"Taateen akkanaa nu mudatee hin beeku. Gara fulduraattis wanti kanarra hammaatu ni dhufa jedhee gonkumaa hin yaadu" kan jedhan aadde Burtukaan Laggasaati. Yaada isaanii kanaaf sababni immoo amantaa bulchiinsa naannichaa irraa qaban akka ta'e kan himan aadde Burtukaan, preezidaantiin naannoo Somaalee Musxafeen naannicha haala gaariin hoogganaa akka jiran himu.

Maanguddoo Musxafaa Mahaammad Igaal gama isaaniitin rakkoon kanaan duraa uummataan osoo hin taanee daldaltoota siyaasaan kan uummame ta'uu isaa dubbatu.

Kanaan dura akka jaarsaattis ta'ee akka abbootii amantaatti dubbachuuf hidhaa fi dararaa 'jail Ogaden' sodaataa akka turan kan himan Musxafaa Mahaammad Igaal "amma wanti haaraan dhufeera. Manni hidhaas cufameera" jechuun yaada qaban ifatti akka dubbatan himan.

"Kanaan booda eenyuyyuu walitti nun buusu," jechuunis dubbatan.