Pireezidan Tiraamp, weellisaan beekamaa Jeey Zii ''ilbiisa hin duune'' jecha jedheef deebii kennan

Maxxanfame

President Donald Trump has hit back at Jay-Z after the rapper called him a "superbug" and attacked his treatment of minorities.

Barreeffama Tiwiitar irratti baasaniin, ''hoji dhabdummaan hawaasa gurraachaa KAN YEROO KAMIIRRA CAALAA XIQQAADHA!'' jechuun dubbatan

Lamiileen Afriikaa Ameerikaa hoji dhabdummaan isaanii %6.8 irra jira, kunis isa xiqqaadha.

Xinxaaltonni garuu, guddinni diinagdee kan eegale bulchiinsa Obaamaa jelatti ta'uusaa kaasuun, hoji dhabdummaan gurraachotaa warra adii waliin walbira yoo qabamu ammas garaagarummaa guddaa akka qabu dubbatu.

Jeey Ziin CNN irratti dhiyaachuun yaada kenneen, hoji dhabdummaa irratti xiyyeeffachuun jalqabumaa ''dogoggora ture'', jedheera.

''Waa'ee qarshii miti, qarshiin gammachuudhaan wal hin qixxaatu. Tasuma. Akkasitti yaaduutu dogoggora. Ummata akka namaatti keessumeessita...sana dubbiin ijoo''.

Filannoon Tiraamp ittiin injifatanillee rakkoo akka qabu himeera.

''Urgooftuu saanduqa kosii irratti firfirsinaan ilbiisonni ni ba'u. Waan hin taane firfirsitee ilbiisa hin duune uumta, rakkoo sana sirriitti waan hin qabanneef, sanatu ta'e'' jedhe.

''Kosicha baastee gatuu mannaa akka fudhatama argatuuf waan argite irratti firfirsita. Hanga wantoonni sunneen guddataniin, ilbiisota hin duune uumta. Amma nutis Doonaald Tiraampiin qabna ilbiisa hin duune''.

Waa'ee arrabsoo Tiraamp ''boolla kosii'' jedhu sanas gaafatamee ture.

Baay'ee waan nama gaddisiisudha, jalqaba si aarsa, sana boodammoo miirakee miidha jechuun ibse.

Tiraamp garuu himannaa sabummaa isaanirratti ka'u hin fudhatani