Marseedisiin rakkoo fireeniin konkolaatonni miiliyoona 1 akka deebifaman gaafate

konkolaataa

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Warshaan konkolaataa Jarmanii, Marseediis-Beenziin konkolaatota durii fireeniin isaanii rakkoo qabaachuu mala jedhaman miiliyoona 1 ta'an addunyaa irraa sassabuun warshaatti deebisuu eegale.

Dhaabbatichi Sanbata kana akka ibsetti, fireeniiwwan konkolaataa kunneenii wanta "daanda'u olaanaa" (advanced corrosion") jedhamuun hubamuu waan maluun, abbootii qabeenya konkolaattota kanaa akka qunnamu ibseera.

Murtee kanaan konkolaatotta 70,000 Jarmanii keessa jiran dabalatee, konkolaattonni 993,407 ta'an ni hubamu.

Bara darbes Marseediis konkolaattota haguma kana ta'an sababa rakkoo nageenyaan warshaatti deebiseera.

Dhaabbatichi akka jedhutti konkolaatonni amma akka warshaatti deebifamaniif waamaman kanneen bara 2004 fi 2015 gidduutti omishamanii fi SUV gosa ML fi GL akkasumas R-Class minivaanii kan ta'anidha.

"Konkolaatota kunneen keessaa gariin isaanii, sababa daanda'uun fireeniin isaanii akka miidhamu malu aragnneerra," jechuun Marsediis ibsa Dilbata baaseen beeksiseera.

"Yoo garmalee ykn cimsinee fireenitti ejjenne rakkoo makaanikalii fireenii irratti uumuu mala," jedhan.

"Yeroo kun uumamu, fireenii fayyadamuun konkolaaticha dhaabsisuun hin danda'amu. Kunimmo carraan balaa fi miidhaa uumamuu akka dabalu taasisa," jedheera.

Marseediis, konkolaattota kana warshaatti deebisu akka hatatamaan eegaluu fi adeemsa kanaan konkolaattota rakkoo qaban qorachuun, yoo barbaachise kutaalee rakkoo qaban bakka buusuun akka jiraatu himeera.

Guraandhala darbe, dhaabattichi sababa rakkoo "eCall"- kan yoo balaan uumame tajaajiloota to'annoo balaa beeksisuun bakka konkolaatichi jiru agarsiisuu- irratti rakkoon jira jechuun konkolaatota miiliyoona 1 ol waameera.

Rakkoon kun akka odeeffannoon bakkaa dogoggoraan akka ergamu taasisuu danda'a jechuudha.

Rakkoon kun wanta softiiweeriin wal qabate waan ta'eef, furmaatni ykn suphaan isaa kan taasifame konneekshinii daataa konkolaataa fayyadamuun dawoonlood goochuunidha.

Gamtaa Awurooppaa keessatti bara 2018 eegalanii konkolaatotta gurguraman hundaaf, siistamii eCall qabaachuun dirqamadha.