Ameerikaatti Tiwiitariin odeeffannoo fayyadamtootaa gurguruun doolaara miiliyoona 150 adabame

Twitter

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Tiwiitariin Ameerikaa jiru ogeeyyiin seeraa odeeffannoo fayyadamtootaa seeraan ala fayyadameera jechuun erga himataniin booda doolaara miiliyoona 150 adabame.

Koomishiniin Daldalaa Federaalaafi Waajirri Haqaa Ameerikaa, Tiwiitariin qaamota dhimma kana to’atan waliin waliigaltee raawwatee ture sarbuusaa sanadni mana murtii agarsiisa jedhan.

Tiwiitar teessoo fayyadamtootaa kanneen akka imeeliifi lakkoofsa bilbilaa dhaabota beeksisa himsiifataniif akka hin kennine kakatee ture.

Qorattoonni federaalaa dhaabni miidiyaa hawaasaa kuni seerota dhorkaa irra kaa’an cabseera jedhe.

Tiwiitar bara 2020 seera odeeffannoo icciitii eeguu, Awurooppaa ‘GDPR’ jedhamu cabsuun yuroo 400,000 adabamee ture.

Koomishiniin Daldalaa Federaalaa Ameerikaa eegumsa maamilootaa kabachiisuufi seera dhimma kana irratti bahe hojiirra oolchuu irratti hojjeta.

Haala kanaanis ajaja komishinichaa bara 2011 dhaabbatichi dhimma icciitii fi nageenyaa maamilootaa irratti akka eeggatu dabarse cabseera.

Tiwiitariin galiisaa harka guddaa beeksisa irraa argata, kanaanis maamilota idileerraa hanga namoota beekamoo, akkasumas dhaabonni qubee 280 fayyadamuun miidiyaa hawaasaa kanarratti ergaa akka barreefatan eeyyama.

Akka himannaan Waajira Haqaan baname agarsiisutti , Tiwiitar bara 2013 irraa qabee nageenyaaf jecha bilbila ykn imeelii fayyadamtootaa gaafachuu jalqabe.

‘’Akka himannaan kuni agarsiisutti Tiwiitariin odeeffannoo nageenyaaf jecha funaanuun fayyadamtootatti beeksisa erguufis fayyadameera,’’ jedhan hoggantuun Koomishinii Daldalaa Federaalaa Liinaa Kahaan.

‘’Hoji-maatni kuni garuu fayyadamtoota miiliyoona 140 tahan irratti dhiibbaa kan uume yoo tahu, galii Tiwiitarii garuu dabaleera,’’ jedhan.