Raashiyaan loltoota haaraa yukireeniin loluuf qacartuuf daangaa umurii kaafte

Russian troops in Mariupol, 18 May 22

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoota Raashiyaa magaalaa barbadooftu Maaripuul keessatti
Maxxanfame

Raashiyaan daangaa umurii ogummaa loltootaaf ture kaasuun ekspartoonni siiviilii baayyeen akka waraana Yukireeniif qacaraman karaa bante.

Pirezidaanti Vilaadmiir Putiin seera namoonni umuriin waggaa 40 ol akka humna waraanaa seenan dandeessisu mallatteesse. Isaanis namoota umuriin hojii idilee akka ta'an eegamu.

Kanaan dura lammiileen Raashiyaa kan umuriin waggaa 10-40, kan lammii biyya biraa ammoo 18-30 qofatu loltuuf qacaramu danda'a ture.

Raashiyaanis kun espeshaalistoota tekinikaa baayyee mindeessuuf akka ta'e himti.

Seerrii haaraan ammoo meeshaalee waraanaa hammayya'oo irra hojjachuun beeksoonni barbaachisoodha, akkasumas ''isaanis kanneen umuriin waggaa 40-50 gahu ta'u muxannoorraa hubatameera,'' jedha.

Akkasumas oggeessoonni fayyaa, injinaroonniiifi oggeeyyin komunikeeshiniis dabalataan mindeeffamuuf.

Eksipartoonni waraanaa Yukireeniifi warra liixaa garuu Raashiyaan waraanichaan baayyee miidhamte jirti jedhu.

Akka Yukireen jettutti loltoonni Raashiyaa 30,000 ta'an ajjeeffamaniiru. Motummaan UK ammoo kana gara 15,000tti tilmaama.

Raashiyaan garuu Guraandhala 25 irratti loltoonni 1,351 du'uu himtulleen ragaan kun ergasii hin haaromfamne.

Kanaan dura baatii Guraandhalaa keessa Ministeerri Raayyaa Ittisaa Raashiyaa waraanicha keessatti loltoonni dirqama biyyaaleessaa bahan muraasni hirmaachu fi muraasni isaanis humnoota Yukireeniin to'atamu beeksiisee ture.

Leenjiitota dirqama biyyaaleessaa gara adda waraanaatti erguun imaamama baramaa mitis jedhe ture.

Boodara ammoo Ministirri Ittisaa Sargee Sho'iguu, loltoonni leenjii biyyaaleessaa dhiheenya kana simataman gara adda waraanaa kamiittu hin ergaman jedheenii ture.

Dhiiroonni baayyeen leenjiin loltummaa biyyaaleessaa akka leenjii'aniif gochuun baroota dheeraaf motummootaan kan barameedha. Raashiyaanis dhiiroonni umuriin waggaa 18-27 leenjii waraanaa waggaa tokkoo akka fudhatan gochuu kan eegalte bara motummaa tsarist baroota 1917 irraa ture. Baayyeen garuu sababii fayyaafi barattoota waan ta'aniif irra bilisa ni taasifamu ture.

Raashiyaan ammaan tanatti humnoota waraanaa waraanaa cimaa 900,000 keessaa ''mindeeffamtoota'' loltoota ogummaa qaban 400,000 ol qabdi jedhama. Akkasumas hanga waraanaa of eeggannoo miliyoona lamaa sochoosu akka dandeessu xinxaltoonni waraanaa ni dubbatu.

Waraanni Yukireen gaayyee xiqqaadha- erga waraanni Raashiyaa waliin eegalee as amma lakkoofsi kun haalaan gudatulleen, loltoota gara 200,000 fi kanneen of eeggannoon jira 900,000 qabdi.

Garee ittisa daangaa Yukireen leenjii irratti, Caamsaa 20, 2022

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Yukireenittisa daangaa kannee kutaalee waraana idilee deeggara qabdi

Seera dhiyeenyaa alatti Yukireen dhiiroota umuriinsaanii waggaa 18-60 jiru biyyaa akka hin baanne dhorkuun, biyya keessa turuun akka lolanif gaafatte. Dubartoonni, daa'immaniifi jaaroolliin garuu gara biyyoota ollaatti kolugaltummaaf kanneen baqatan keessaayi.

Waraanni Yukireen hanga ammaatti dubartoota dirqiin leenjii loltummaa hin galchine jechuun, garuu muraasni kanneen oggummaa wallaansaa, IT ykn dameewwan barbaadaman biraa yoo qabaatan addatti fudhatamu ni danda'u jedhe. Yukireen loltoota lammii biyya biraa fedhiin hirmaatan kumaatam qaccarte jirti.

Seerri isaa garaa gara ta'ulleen biyyoonni akka ISraa'el, Tarkii, Iraan, Siwiidiin fi Joorjiyaas lammiilee dirqiidhaa leenjiin waraanaa akka fudhatamu ni taasisu.

UK fi US garuu biyyoota waraanaa ogummaa guutuu fi waraamaa of eeggannoo tibba lolli atattamaa jiraatuutti waamaman qaban keessaayi. UK bara Waraana Addunyaa lamaanittu leenjii waraanaa dirqamaa kan gaggeessite yoo ta'u, US ammoo bara Waraana Veetinaamiitti wixineessite.

Daangaa umurii loltootaa:

  • UK - Waraanni Biritish loltoota idilee kanneen umuruunsaanii wagga 16 olii hanga 36tti qaxara. Qondaaltootaa ammoo umuriichi 18-29 yoo ta'u, ispeeshaalistoonni wallansaa umuriinn sana caalun ni mindeeffamu.
  • US - Umuriin loltoota waggaa 17 irraa eegala. Garuu waraana lafootiif hanga waggaa 35, kanneen waraana galaanaatiif hanga 28 fi human qilleensaatiif ammoo hanga waggaa 39 gaha.
  • Israa'eel- Lammiilee hundinu waggaa 18 guunnaan dirqamaan leenjii waraanaa keessatti hirmaachu qabu. Dhiiroonni baatiiwwan 32'f yoo ta'u, dubartoonni baatiiwwan 24f leenjii'u. Isaan boodas tajaajila dirqamaa (waggaatti guyyoota 36) kennuu qabaatu. Kunis dhiiroota hanga waggaa 50 fi dubartoota hagan umuriin 55 irraa eegama.
  • Finlaand - Raashiyaadhaan waan wal daangeessituuf Natotti makamuuf gaafataa kan jirtu biyyi tun, waraana of eeggannoo 280,000 fi loltoota idilee 25,000 qabaattulleen, leenjii waraanaa dirqiin ni gaggeessiti. Dhiiroonni lammii Finlaand tajaajila waraanaa kan kennan waggaa 18 irraa qabeeti. Dubartoonni fedhiin hirmaachu danda'u. Baayyeen isaanis hanga waggaa 50tti waraanuma keessa turu.