Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haleellaa Teeksaas: 'Daa'immanni gammachisoo hanga har'aatti beeku keessaa tokkoon dhabe'
Ameerikaa mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa Teeksaasitti argamuutti haleellaa raawwatameen barattoonni 19 fi barsiiftonni lama ajjeefamaniiru.
Daa'imman ajjeefaman keessaa kanneen waggaa torbaa hanga 10 akka argaman ibsame. Muraasni isaaniis qabxii olaanaa galmeessisaniin kanneen badhaasa argatan fa'iidha.
Mucaan tokkoofa mucaa waggaa 10 baayyee shubbisuu jaalatuudha. Taan ammoo osoo poolisii waamuuf jettu turte kan lubbunshee darbe.
Erga waggoota kudhaniin dura mana barnootaa Saandii Huuk keessatti daa'imman 20 fi namoonni gurguddaan jaha ajjeefamanii booda Ameerikaa keessatti kun taatee mana barnootaa sadarkaa tokkooffaa sukkanneessaa ta'uun galmaa'eera.
Ijoollee haleellaa kanaan ajjeeffaman keessaa kanneen firooma qaban akka jiran himame.
'Daa'imman baay'ee gammachisoon hanga har'aatti beeku keessaa tokko' '
Maatiiwwan tokko tokkoo dhukaasichaan dura mana barnootichaatti argamuun sirna badhaasa ijoollee isaaniirratti waraqaa ragaa yoo fudhatan haala gaariin ilaalanii ture. Sa'aatiin booda ammoo sababii dhukaasichaatiin deebii'anii gara mana brnootaa dhaqan.
Ameerii Joo Gaariizaa barattoota ajjeefamanuunsaanii jalqaba barame keessaa tokko. Isheenis torban lamaan dura ture kan waggaa 10ffaa kabajatte. Akkoonshee Bariiliindaa Ayiriin osoo gara balaa tasaatti bilbiluuf yaalaa jirtuu rasaasaan dhahamte du'u himaniiru.
Ameeriin baayyee kan namaan waliigaltuufi barsiiftoota isheen kan jaalatamtu turtees jedhan.
Miseensi maatiin tokkoos fuula facebook irratti, ''maaloo sakandii kamuu akka laayyootti hin fudhatiinaa. Maatii keessan hammadhaa, akka isaan jaalattan itti himaa,'' jechun barreessan.
Shaaviiyeer Haaviiyeer Loopeez mucaa waggaa 10ti. Mucaa ''gammachisaafi tabataa'' akka ture fidhiyyoo Liizaa Gaarzaan ni dubbatu.
Wayita oduu du'asaa dhagahaniitti isaaniifi maatiitti gaddaafi naasuu olaanaa akka dhagame BBCtti himan.
Faasiikaadhaaf wal arganii akka turaniifi ayyanaaf maatii waliin dabarsuusaatti akka gammade dubbata.
Shaaviiyar Daansii kan jaalatu yoo ta'u, hordoofaa Tik tookiis ture jedhan.
Firoota mana barnootichaatti baratan kan biraas akka qabu kan himan miseen maatii kun, miidhamanillee lubbun hafuusaanii ibsan. Tokkoonsaa hospitaala Saan Antooniiyoo keessatti wallaansaa argataa jira jedhan.
Uziyaan Gaarshiyaa mucaa waggaa saddeetii ture. ''Ijoollee gammachiisoon hanga har'aatti beekuu keessaa inni tokko'' jechuun ture akkoonsaa Maanii Fenfooroon kan isa yaadatan.
Yeroo dhumaatiif kan wal arganis wayita manni barnootaa cufameetti ta'u yaadachuun, yeroo kubbaa miilaa shakkalu tures jedhan.
"Mucaa baayyee saffiisaa yoo ta'u, yoo kubbaa to'atus cimaa ture. Wantoota waliin shaakkalee fa'i yaadachuun deebiisee hojjata ture,'' jedhan.
'Burjaajii badaa yeroo kamuu caalu'
Barsiiftuun umurii waggaa 44 Ivaa Miireelsi kanneen ajjeefamun dursaan barame keessaayi. Isheenis afaanoota lamaafi barnoota fedhii addaatiin kan leenjiteedha. Naanawwa Uvaaldeetti barattoota kutaa afurii waggoota 17f barsiifte jirti.
Seenaa ishee marsariitii mana barnootichaa irratti maxxanfameen imalaafi fiigicha akka jaalattu himameera.
''Deeggartuu, bohaarsituufi kan maatii jaalattu'' akka ta'e himameera.
Abbaan warraa Miirelees, Ruuban Ruuyiz kan jedhamus qondaalli poolisii naannichaa baatii lamaan dura mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Uvaldee keessatti ofee eeggannoo tibba dhukaasaa ilaalchisuun leenjii keennuu miidiiyaan biyya keessaa gabaaseera.
Mucaanshee Adaaliin Ruuyeez toora tiiwitara irratti ergaa barressiteen, ''haadha guutuu nataasiiftu'' jechuun ibsuu, ''baratoota ishee fuuldurratti ofi jaalal tokkoo malee luubbuusaanii baraaruuf yaalii taasiifte jirti'' jechuun leelftee barreesite.
''Hunduu akka deebii'un barbaada. Onneen koo hanga dhumaatti akka cabeetti ture'' jette.
Adaadaan Miireeliis Liidiyaa Maartiineez gama isheetiin, ''haleellaan dhukaasaa itti fufuusaatti baayyee aareera,'' jette.
Firri ishee Kiriiriinaa Ariizemaandii Miirelez ammoo, ''Kun kan hin yaadamneedha. ..borjaajii yeroo kamuu caaluudha'' jechuun ibsite.
Firri biraa gaddaan onneesaa cabe kan biraas akkas jechuun kabaja qabuuf tiiwitara irratti ibse.
Namoota haleellaa kanaan ajjeeffamn keessaa barsiiftuu lammaffaan dubartii waggaa 46 Irmaa Gaarshiiyaati.
Man barnootaa sadarkaa tokkooffaa sana keessatti waggoota 23 tajaajilte jirti. Bara 2019tti manni barnootichaas barsiiftuu duree jechuun kaadhimummaan dhiyeesse ture. Miirelees waliinis waggaa shaniif waliin hojjataniiru.
Waggaa 24 gaa'ilaan kan jiraattee yoo ta'u ijjoollee afur godhachu dandeessee turte. Abbaa warraa ishee waliin muuziiqaa dhaggeeffachuufi nyaata qopheessuu jaalatti ture.
Mucaanishe hiriiyaansaa seera kabachiisuu irratti hirmaate tokko, haatiisaa osoo ijjoollee bakaarraa oolchuuf yaaltuu arguu NBCtti dubbachu ibseera.
Ilmi obbooleessa ishee Joon karaa miidiyaa hawaasaatiin akka barreesseetti, ''Adaadaa koo siif hin milkoofne. Osoo ijjoollee daree keessa turan oolchuuf yaaltu wareegamte,'' jedheera.
''Irimii Gaarshiyaa maqaasheeti. Goota ta'un dabartee jirti. Kan hedduun jaalatamtu turte. Yeroo hundaa ni yaadatamti,'' jedheera.