Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waldaaleen Siviilii Afrikaa waraana Kaaba Itoophiyaa akka dhaabsisuuf UN gaafatan
Waldaaleen Siviilii Afrikaa kudha lama ta'an waraanni Kaaba Itoophiyaa akka dhaabbatuuf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) gahee irraa eegamu akka bahatuuf Barreessaa Ol-aanaa Dhaabbatichaa Antooniyoo Guteereeziif xalayaa barreessan.
Wal waraansi Kaaba Itoophiyaa kun 'gidiraa hin yaadamne dhala namaarraan kan qaqqabsiisedha' kan jedhan waldaaleen hawaasaa kunneen, UN duguuggaa sanyii Ruwaandaa keessatti raawwatamerraa barachuun tarkaanfii atattamaa fudhachuun waraanicha akka dhaabsisuuf cimsanii gaafataniiru.
Waraana hamaa Sadaasa 2020 irraa eegalee mootummaa Federaalaafi Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) gidduutti gaggeeffameen, lakkoofsa lubbuu badee fi qabeenya manca'e tilmaamuufillee rakkisaadha. Sababiin isaa ammoo waraanni kun irra caalaa 'dukkana keessatti' deemaa waan tureef jedha xalayaan waldaalee hawaasaa kun.
Haata'u malee, sababa waraana kanaan namoota nagaa dabalatee kumaatamaan akka ajjeeffamaniifi miliyoonan kan lakkaa'aman ammoo gargaarsa atattamaa akka barbaadan taasisuun isaa ni tilmaamama.
Qorannoon waloo Manni-maree Mirgoota Namoomaa UN fi Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa akka agarsiisettis, qaamoleen gama lamaanuu yakka raawwataniiru.
Namoota nagaa irraan miidhaa geessisuu, yakkawwan ajjeechaa, murtee seeraa malee nama ajjeesuu, namoota gidirsuu, ajaja seeraa malee nama hidhuufi dhabamsiisuu, qe'ee irraa buqqaasuu, akkasumas dirqamaan gudeeduufi miidhaa saal-qunnamtiin walqabatan warreen gama lamaaniin wal waraanan raawwataniiru jedha.
Akka xalayaan waldaale hawaasaa kun jedhutti taanaan, mootummaan nyaataafi gargaarsa namoomaa biroo akka hin dabarre gochuun ummanni Tigraay beela'anii akka harka kennan gochuudhaaf akka meeshaa waraanaatti itti gargaarama.
Sababa waraana kanaatiin, "namoonni miliyoona walakkaa ta'an du'anii, miliyoona 4.2 kan ta'an buqqa'anii, miliyoona 9 kan ta'an ammoo gargaarsa namoomaa kan barbaadan ta'aniiru," jedha xalayaan kun.
Waraanni waggaa tokkoofi walakkaa ol lakkoofsise kun dhiyeenya kana kan qabbanaa'e fakkaatullee, ammallee xumura waan hin arganneef yaaddoon bakkuma jira.
Duguuggaan sanyii Ruwaandaatti raawwate akka irra hin deebiyamne sodaa qaban kan ibsan waldaaleen hawaasaa Afrikaa kunneen, mallattoowwan akeekkachiisaa jiranillee akka maluun hin hubatamne jedhan.
Himannaan ta'e jedhamee gargaarsa barbaachisaa akka hin dabarre dhorkuufi muddamawwan saboota gidduutti mul'atu dabalaa jirachuun, sababa qabatamaa waldaaleen hawaasaa kunneen akka yaadda'an taasisanidha.
Yaaddoo isaanii kanarraa ka'uunis UN meeshaa waraanaa argachuu dhorkuufi deeggarsa furmaata karaa siyaasaa taasisuu dabalatee tarkaanfii atattamaa akka fudhatuuf gaafataniiru.
Waggoota 28 dura Manni-Maree Nageenyaa UN Ruwaandaatti duguuggaan sanyii raawwatamuuf akka jiru mallattooleen agarsiisan osoo jiranii yeroo barbaachisutti hubatee tarkaanfii fudhatee dhaabsisuu dadhabuun kufaatii isaa akka agarsiise yaadachuun, Manni-marichaa ammallee rakkoo hamaa Itoophiyaa kana hanga maluun hubatee furaa hin jiru jechuun himatan xalayaa isaanii kanaan.
"Har'a haalli kun Itoophiyaa keessatti irra deebiyaa jira jennee yaaddofneerra. Kana waan ta'eef, waan Ruwaandaa keessatti ta'erraa barattanii amma qabatamaan tarkaanfii akka fudhattan gaafanna."
Waliigalteen waraana dhaabuu Bitootessa keessa labsame waliin dubbachuuf barbaachusaadha kan jedhu xalayaan kun, carraa kana fayyadamuudhaan gargaarsi barbaachisu naannoo Tigraay akka qaqqabu gochuun, wal amantaan uumamee gara marii araaraatti ce'uuf tarkaanfiin qabatamaa fudhatamuu akka qabu kaasa.
"Sababa kanaaf, Manni-maree Nageenyaa UN dhimma Itoophiyaa ifatti akka ajandaa isaa godhatuuf gaafanna."