Waraana Kaaba Itoophiyaa: Qorannoon N. Amaaraa bakkeewwan TPLF’n qabamanii turanitti taasifame maal hime?

Maxxanfame

Yunvarsiitonni 10 Naannoo Amaaraa keessatti argaman qorannoo gaggeessaniin yeroo humnoonni TPLF naannoo Amaaraa turanitti yoo xiqqate namoota nagaa 7,000 ol ajjeesuun, namoota 7,400 ol tahan ammoo ukkaamsanii fudhachuun eessa akka jiran hin beekamu jedhan.

Gabaasichi humnootni TPLF yeroo naannoo Amaaraa bakka murtaa'an qabatanii turanitti yoo xiqqaate namoota 7,000tti dhiyaatan ajjeesaniiru jedha.

Humnootni TPLF A.L.I ji'a Waxabajjii bara 2013 keessa naannoo Amaraa seenuu jalqabuun godinoota torba to'atani turaniiru.

Gondar Kaabaa, Kibba Gondar, Waag Himiraa, Kaaba Walloo, Kibba Walloo, Godina Saba Addaa Oromoo fi Shawaan Kaabaa godinoota humnootni TPLF to'atanii turan keessatti argamu.

Qorannoon miidhaa humnootni kunneen gaggeessan irratti xiyyeeffate xumura torban darbeetti kan ifoomsame yoo tahu ogeessotni yunivarsiitota 10 irraa walitti bahan irratti hirmaataniiru.

Qorannicha xumuruufis gara ji'oota shanii itti fudhateera.

Dhaabbileen mirgoota namoomaa hedduun waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti qaamolee lamaan namoota nagaa irratti haleellaa geessisu, seeraan ala namoota ajjeesuu, gudeedii fi miidhaa saalaa dhaqqabsisaa turaniiru jechuun gabaasaa turan.

Dubbii himaan TPLF Geetaachoo Raddaa gabaasa kana ilaalchisee miidyaa Biluumberg [Bloomberg] jedhamutti akka himanitti gabaasichi ''kan ofumaan tolfame'' jechuun mormaniiru.

Obbo Geetaachoon ''uummata nagaa Amaaraa irratti haleellaan raawwanne hin jiru,'' jechuun Biluumbergitti waakkatan.

Qorannichi maal ifoomse?

Namoota qorannicha qindeessan keessaa tokko kan tahanii fi yuuniversiitota naannicha keessaa walitti qabaa kan ta'an Pirezidaantiin yuunivarsiitii Dabire Maarqos, Taafarii Malaakuu [Dr] qorannichi kan gaggeeffame naannolee humnoota TPLF irraa bilisa bahan irratti qofa tahuu BBCtti himan.

Gabaasni qindoomina yunivarsiitota naannoo Amaaraan bahe kun namootni nagaan 6,985 tahan waraanicha keessatti hirmaannaa homaa osoo hin qabaatiin humnoota TPLF'n ajjeefamaniiru jedha.

Namootni 7,460 tahan ammoo humnaan ukkaamfamanii fudhatamuun eessa akka jiran hin beekaman jedhan.

Gabaasichi itti dabaluun namootni 1,797 tahan jimilaadhaan bakka tokkotti ajjeefamaniiru jedhe.

Keessumaa Cinaa, Qeweet, Manzi Geeraa, Antsookiyaa Gemzaa, Agamsaa fi Marsaatti kan raawwate ''ajjeechaa jimilaati'' jechuun akka fakkeenyaatti kaaseera.

Kanneen keessaa namootni 579 tahan reebicha akka malee irraa kan ka'e kan du'an tahuu isaa eera.

Humnootni TPLF naannoo Amaaraa Cinaa fi Qobbootti namoota nagaa ajjeesuu isaanii dhaabbatni mirga namoomaaf falmu Human Raayitis Waach gabaasee ture.

Waraana naannoo Tigiraayitti jalqabuun gara naannoo Affaarii fi Amaaraatti babal'ate Kanaan lubbuu namaa fi qabeenya irra badii guddaan akka gahaa ture odeeffannoo qaamoleen adda addaa baasaa turan ni agarsiisa.

Waraanichi erga gara naannoo Amaaraatti babal'atee 'Ze Telegiraaf' gaazexaan jedhamu finciltootni Adoolessaa keessa Qobboo naannoo Agamsa jedhamutti namoota nagaa hedduu bakka tokkotti ajjeesaniiru jedhe.

Gaazexaan kun haleellichi meeshaa waraanaa guddaa fayyadamuun kan raawwate yoo tahu tahe jedhamee maneen jireenyaas abiddaa akka gubatan taheera jedhe.

TPLF gabaasicha kufaa taasisuun qaamni walabaa akka qorannoo gaggeessuu qaban dubbate.

BBC'n namoota miidhaan irra gahee fi yeroo haleelaan gahe naannicha turan akkasumas amma yaala irra jiran dubbisuun waan raawwate odeeffateera.

Gabaasichi yeroo humnootni TPLF naannoo Amaaraa keessa turanitti waligalaan ummata miliyoona 10 tahu irra miidhaan gaheera jedhe.

Namoota kuma 240 tahan irra ammo miidhaan namoomaa gahuu akeekeera.

Miidhaa guddaan sababa waraanichaan gahe gara biraan ammoo miidhaa saalaa fi gudeeddiidha.

Dabalataan qorannichi godinoota torba humnootni TPLF qabatanii turan keessatti yakki gudeeddii dubartoota 1,782 irratti raawwateera jedhe.

Haleellichi gareedhaan bakka miseensotni maatii jiranii fi haadha warraa abbootii amantaa irrattis raawwateera jedha gabaasichi.

Dabalataan yakki gudeeddii kanneen irratti raawwate keessaa 22 dhiirota tahuus eera.

Qorannichi akkamitti gaggeeffame?

Dr Tafariin akka jedhanitti qorannichi karaa naamusni isaa eegameen raawwate.

Qorannicha irratti ogeessotni yunivarsiitii 4000 ol akka bobba'an qindeessaan qorannichaa Dr Taaffara Malaakuu himaniiru.

Dabalataan Ejensii istaatiksii irraa ogeessotni 300 tahan akka qorannicha keessatti akka hirmaatan pirezidaantiin yuunvarsiitii Dabre Maarqos himaniiru.

Qorannoo kana gaggeessuuf yuunivarsiitota 10 alatti federaala irraas tahe naannichaa irraa qaamni gidduugale akka hin jirreefi qaamni siyaasaa dhiibbaa taasise akka hin jirre Dr Taaaffaran himaniiru.

Qorannicha manaa mana irra deemuun kan gaggeessan tahuu kan himan qindeesichi miidhaa namoomaa fi xiin-sammuu dhaqqabe hubachuuf ammoo gareedhaan gaaffiif deebii gadi fagoo, daawwannaa dirree, suuraa fi viidiyoo adda addaa fayyadamneerra jedhan.

Muuxannoo akka biyyoota Ruwaandaa fa'aa fayyadamun qorannoo saayinsaawaa fi qabiyyee idil-adunyaa qabu gaggeessuuf hojjenne jedhan.

Akka qorannichaatti jiraattota magaalaa miidhaan xiin-sammuu fi qabeenyaa irra gahe kuma 443 tahan keessaa %76 kan tahan rakkoo xiin-sammuu guddaaf saaxilamuu isaanii ibsaniiru.

Miidhaan humnootni TPLF qabeenyaa fi bu'uuraalee misoomaa irra geessisan waliigalatti yoo tilmaamamu Birrii biliyoona 288 ol akka tahus ibsaniiru.

Dabalataan finciltootni kunneen manneen barnootaa 1,145 fi dhaabbilee fayyaa 2,000 ol tahan irra miidhaa geessisuus eera qorannichi.

Qabeenya manca'e keessaa Birrii biliyoona 50tti kan tilmaamamu qabeenya namoota dhuunfaa tahuus himeera.

Dhaabbileen federaalaa gariin kan hammataman tahus, dhaabbileen faayinaansii, buufata doonii meeshaalee gogaa fe'uu, daandii baaburaa, qilleensarraa fi geejibaa irra miidhaan dhaqqabe qorannicha keessatti akka hin hammatamne himaniiru.