Xiyyaarri Chaayinaa Bitoteessa keessa kufee caccabe beekaa ta'uu mala - qondaaltota US

Maxxanfame

Odeeffannoon balalii, xiyyaara Daandii Qilleessaa China Isterni kan Bitootessa keessa lafatti kufee akka agarsiisutti xiyyaarichi beekaa funyaan isaa akka gadi qabame agarsiisa jechuun, miidiyaan US gabaaseera.

Qorannoowwan balaa kana irratti gaggeeffaman hanga ammaatti ragaa xiyyaarichi rakkoo teeknikaa ykn makaanikaa qabaachu isaa mul’iisu akka hin arganne, qondaaltoota US eeruun miidiyaaleen gabaasaniiru.

Xiyyaarri Boeing 737-800 kun kibba Chaayinaatti magaalaa Kunmiing irraa gara Guwaanzhuutti balali’aa ture yemmuu balaan kun uumame.

Balaa kanaan hojjettoota xiyyarichaa fi imaltoonni 132 hundi lubbuun isaanii darbeera.

“Xiyyarri kun waan namni kutaa balalii (cockpit) keessa jiru ajaje raawwate,” jechuun miidiyaan dhimma kana jalqaba gabaase Wall Street Journal, nama qondaaltota US madda balaa kana qoratan beeku eeruun gabaaseera.

Odeeffannoon ‘black box’[sanduuqi gurraachi odeeffannoo] xiyyaarichaa tokkorraa argame, kan bakka balaan kun uumamerra fudhatame, ajaji kutaa to’annoo irraa kenname akka xiyyarichi funyaan isaa gutummaaatti gadi qabu dhiibeera, jedha gabaasi kun.

ABC News, qondaaltoota US eeruun, balaan kun kan uumame gocha beekaa taasisameen ta’u mala jedhamee akka amanamu gabaaseera.

Qorattoonni ragaa rakkoo teeknikaa agarsiisu waan hin arganneef, balaan kun sababa wanta beekaa balaliistotaan taasifameen uumame ta’e adda baasuuf qorachaa akka jiran, namoota dhimmicha irratti odeeffannoo qaban lama eeruun Rooyitarsi gabaaseera.

Daandiin Qilleensaa 'China Eastern' jedhamu kana dura, balaliistoonni sadan xiyyaaricha irra turan oggummaa akka qabaniifi fayyaa guutuu akka qaban ibsee ture.

Daandii Qilleensaa kun qofaatti Wall Street Journal’tti akka himanitti, balaliistootti kunneen rakkoo maallaqaa qabaachuu isaani wanti agarsiisu hin jiru jedhaniiru.

Dhimma kana irratti gaaffii BBC’n dhiyeesseef Daandiin Qilleensaa 'Isterni Chaayinaa [Eastern China] hatattamaan deebii hin kennine.

Abbaan taayita xiyyaara geejjibaa Chaayinaa (CAAC), kan qorannoo balaa kana dursus, dhimma kana irratti gaaffii BBC’n dhiyeesseef deebii hatattamaa hin kennine.

Ji’a darbe, CAAC’n, gabaasi xiyyarri kun beeka kuffisame jedhu kun “uummata doggogorsaa jira, hojii qorannoo balaa kanaas gufachiiseera” jedheera.

Roobii irratti qorattoonni ammayyuu odeeffannoo balalii kanaa fi bakka balaan kun itti uumamee qorachaa akka jiran, miidiyaan mootummaa Chaayinaa Global Times gabaaseera.

Dabaluunis CAAC’n “qorannoo balaa kana haala saayinsaawaa, gadi fageenyaa fi sirna qabeessa ta’een” gaggeessuu itti fufa jechuun gabaasaniiru.

Daandileen qilleensaa walumaa galatti nageenya balalii qabaachuun beekamu, balaan xiyyaaraa guddaa kan uumameeru waggaa 12 dura ture.

Xiyyaarri Daandii qilleensaa China Eastern kufee caccabe kun umurii waggaa torbaa gadii qaba.