Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qondaalli Madagaaskaar balaa xiyyaaraa booda sa'aatii 12'f bishaan daakuun lubbuun ba'an
Ministirri Poolisii mootummaa Madagaaskaar erga xiyyaarri galaanatti kuftee caccabdee booda sa'aatii 12'f bishaan daakuun lubbuun ba'an.
Osoo helikooptaraan hojii lubbuu baraaruu irratti bobba'anii jiranii balaan kun kan isaan mudate qondaalli mootummaa Madagaaskaar kun, ''yeroon an itti du'u waan hin geenyeefin hafe,'' jedhan.
Qondaaltonni nageenyaa biroon isaan waliin turan lamas balaa xiyyaaraa kana jalaa lubbuun hafaniiru.
Gareen qondaaltonni nageenyaa kun kaaba-baha biyyattii bakka bidiruun itti dhidhimuun namoonni hedduun dhabaman irra marsuun hojii lubbuu baraaruu hojjechaa turan.
Balaa bidiruu kanaan yoo xiqqaate namoonni 39 du'uu qondaaltonni biyyattii ibsaniiru.
Pirezidantiin Madagaaskaar Andirii Rajoyelinaa kanneen lubbuu dhabaniif gaddasaanii ibsanii, Aab Gellee fi qondaaltota nageenyaa biroo lameeniin ammoo simatanii jajjabeessaniiru.
Balaan xiyyaaraa kun akkamiin akka mudate ifa miti, garuu Aab Gelleen akka jedhanitti erga balaan mudatee booda, ''halkan kaleessaa sa'atii 7:30 irraa hanga ganama har'aa 7:30 tti'' bishaan daakaa turan.
Garmalee qorruu irraan kan hafe balaan homaatuu qaamasaaniirra akka hin geenye himan qondaalli kun.
"Haala kiyya kana ilaalchisee viidiyoo waraabame maatiinkoo, hiriyoonni koo, akkasumas qondaaltonni mootummaa akka arganin fedha. Lubbuun jiraachuu koo, nagaa ta'uu koo akka argan nan barbaada,'' jedhan qondaalli kuni.
Qondaalli poolisii Zaafisambatiraa Ravoyaviiy AFP'tti akka himanitti Aab Gelleen teessuma helikooptaraa tokkotti fayyadamuun bishaanirra yeroo dheeraaf turan.
"Namni kun yeroo hundaa ispoortiidhaan of ijaara, cimaadha. Hanga ministeera ta'utti of ijaareera. Amma akka nama waggaa 30'ti. Haala hammaataa dandamatee dabarsuudhaan beekama,'' jechuun jajan.
Aab Gelleen osoo Hagayya darbe ministeerummaan hin muudamin duraan waggoota kurna sadiif poolisii keessa hojjechaa turan.