Albama Hiriyyoolee-Sirba cidhaa cimdiiwwan 12 wal fuusise eenyu weellise?

Cimdiiwwan sagantaa albama Hiriyyoolee irratti wal fuudhan

Madda suuraa, Bashaatuu Tolamaariyaam [BTM]

Ibsa waa'ee suuraa, Cimdiiwwan sagantaa albama Hiriyyoolee irratti wal fuudhan
Maxxanfame

Albamni sirboota cidhaa of keessatti qabate Hiriyyoolee jedhu tibbana dhaabbata pirodaakshinii Bashaatuu Maltii Miidiyaan qophaa'uun eebbifame cimdiiwwan 12 baasii isaanii danda'uun wal fuusiseera.

Albamni kun yeroo hojjetamu misirroonni cimdii 12 tahan baasiin isaanii kaffalameefii irratti wal fuudhaniiru, kaanis sirna isaanii irratti miidhaksataniiru.

Albamni sirba cidhaa qabate kun sirboota aadaa yeroo cidhaa sirbaman godinaalee Oromiyaa garaagaraa irraa walitti qabuun hojjetame.

Albamni sirboota cidhaa kun kan jalqabaati kan jedhuu fi kaan ammoo kan jalqabaa miti jedhu miidiyaa hawwaasaa irratti wal falmii kaaseera.

Hojii gaazexeessummaan kan beekamtu Bashaatuu Tolamaariyaam karaa dhaabbata ishee BMT sirba kana qopheessuu himti. Albamni kun Hiriyooleen maqaa jedhamuun waamama.

''Hiriiyoleen sirba naannoo Gujiitti beekamudha. Yeroo shammarreen tokko heerumtu walitti dhufuun sirba sirbanidha. Albama keenya keessas sirbi hiriyoolii tokko jira. Albamichis walitti dhufeenya hiriiyootaan waan hojjetameef maqichuma kennineef.''

Albamni Hiriyoolii sirboota 11 kan of keessaa qabu yoo tahu, sirba cidhaa godinaalee Oromiyaa babbareedoon waan hunda hammachuu dadhabnus hanga dandeenyefi arganneerra miidhaksinee hojjenneerra jette.

Bashaatuun dura gaazexeesummaan beekamtu amma alabama kana keessatti sirba sirbite qabdii? Gaaffii BBC'n gaafate ture.

Bashaatuun kolfaan qasa'uun ''lakki, lakki, ani waan sirba jedhamu kana homaa hin danda'u. Osoo an sirbee silaa dhaggeeffattootni albamichayyu hin dhaggeffatan,'' jechuun qoosaan deebiste.

Sirbootni kunneen kan uummataa yoo tahan namoota adda addaatu walaloo isaa barreessee yeedaloo isaafis gumaache jette Bashaatuun.

Qabiyyee isaa duraanii [original] kan tahe osoo hin gadhiisin waraabbii istuudiyoo bareedaadhaan hojjenne.

Waraabbii isaa irratti misirrootni wal fuudhan cimdii 12 argamuun wal fuudhaniiru.

''Saganticha irra nyaanni, dhugaatiin jira. Sirbi ammoo kan cidhaatu sirbama. Waan hunduu qophaa'ee kan hafe misirroota qofa malee sagantichi qophiin isaa cidhumadha.

''Erga akkas tahee maaliif namootni as irratti wal hin fuudhan jennee yaaduun karaa miidiyaa waamicha dhiyeessuun akka wal fuudhan goone.''

Itoophiyaa keessatti qaala'insi jireenyaa haalaan hammaateera. Cidhaaf baasiin barbaachisu guddaa waan taheef namootni galii gidduugaleessaa fi gadi aanaa qaban sagantaa cidhaa bareedaa qopheessuun wal fuudhuuf itti ulfaachuu danda'a.

Bashaatuun namoota galmaa'an akka uffata isaanii qofa fidanii dhufan goone. Firoota isaaniis saganticha irratti afeerreerra.

Namootni akkasumatti wal fuudhuun mana tokko jiraachuu jalqaban jiru. Kan guyyuma sana saganticha irratti wal fuudhanis jiru jetet.

Saganataa waraabbii albama cidhaa kana irratti cimdiwwan 12 jechuun misirroonni 24 wal fuudhaniiru. Bashaatuun gammachuun isaanii ''baay'ee adda ture'' jette.

Misirroota sirna albama Hiriyyoolee irratti wal fuudhan

Madda suuraa, Bashaatuu Tolamaariyaam

Sirbootni kunneen godinaalee Oromiyaa hundaa irraa tahuu baatus Wallagga, Shawaa, Gujii, Harargee fi kaan irraa hammateera jette Bashaatuun.

Albama cidhaa jalaqabaatii?

Sirbootni cidhaa adda addaa Afaan Oromoodhaan waggoota dheeraa duraa jalqabuun hojjetamaa turan. Gama dhiiraa fi dhalaan jechuudha. Haa tahu malee weellistootni sirba cidhaa hojjetan albama isaanii keessaa sirba tokko fa'aati galchaa turan.

Bashaatuun kan jalqabaati jedhamuun isaa sirrii tahuu himuun biyya keenya keessa ragaan qindaa'ee waan ol hin kaa'amneef mirkaneessuun rakkisaadha jetti.

''Kan jalqabaatis mitis jechuun ni rakkisa,'' kan jettu Bashaatuun garuu ''albama guutuudhaan sirba cidhaa hojjetamee Afaan Oromoon bahe hanga ammaatti hin dhageenye hin argines'' jette.

Albama kana keessa sirbi yeroo guyyaa dhaloota ijoollee kabajanii fi yeroo eebba barattootaa fayyadaman jira.

Jalqabuma yaada kana kan fidan injiner Alamuu nama jedhamanidha kan jettu Bashaatuun yeroo ayyaanota akkasi hanqinni sirbaa jiraachuu hubachuun maaliif hin hojjetan nu jedhan.

Isaan baasii isaa irratti nu deeggaran jennan hiriyootni walitti dhufnee istuudiyoo bareedaatti hojjetamee dhaggeeffattoota Afaan Oromoo qofa osoo hin taane dhaggeeffattoota afaan kaanii birattis qulqullinaan akka dhaggeeffatamuu danda'u goone jette.

Bashaatuun dhiyeenya aartii Oromoo guddisuu keessatt qooda guddaa qaba kan jedhame 'Oda Award' qopheessuunis beekamti.