Yunivarsiitiin Gondar himannaa Lixa Tigraayii reeffa dhabamsiisuurratti dhiyaate balaaleffate

Milishaa naannoo Amaaraa

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Duula ragaalee yakka waraanaa Lixa Tigraay irratti raawwatame milishoota naannoo Amaaraa waliin ta'uun dhabamsiisaa jira jedhamuun himannaa dhiyaateef Yunivarsiitiin Gondar ibsa baasee balaaleffate.

Guyyoota dura humnoonni naannoo Amaaraa yakka waraanaa Lixa Tigraay keessatti raawwataniif ragaan akka hin argamne reeffa namootaa boollaa baasuun dhabamsiisaa jiraachuu namootni ijaan argan BBC'f himanii turan. Namootni BBC'n dubbise ogeeyyiin Yunivarsiitichaa milishoonni naannoo Amaaraa akkamiin reeffa akka dhabamsiisuu qaban gorsaa akka turan himan.

Yunivarsiitiin Gondar xalayaa BBC'f ergeen himannaan kun ''himannaa ragaan hin deeggaramne'' jedheera.

Reeffi dhalattoota Tigraay awwaala Jumlaa keessaa argame isa jedhuufis ragaan hin jiruu jechuun waakkateera.

Yunivarsiitichi ibsa baaseen ''gareen qo'annoo gaggeesse osoo waan akkasii argee jiraate, beekamtii kenneefi ragaan deeggaruuf kan jalqabaa ta'a turee'' jedheera.

''Yunivarsiitichi Itoophiyaa keessatti dhabbata barnootaa qo'annoo irratti hundaa'e gaggeessuun maqaa guddaa qabuu fi rakkoo hawaasaa furudha'' jedheera.

Yunivarsiitichi qo'annoo gaggeesseen awwaala jumlaa kan argate ta'uufi kuniis ajjeechaa dhalattoota Amaaraa kumaan lakkaawwaman bara bulchiinsaa ADWUI 1990'oota keessa irratti raawwatame ta'uu bira gahuu ibseera.

Bara 2018'tti Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangoo qabatanitti siyaasa Itoophiya olaantummaan bulchaa ture keessatti Lixa Tigraay bakka amma humnoonni Amaara lafa keenya jedhanitti dhumaatiin sabummaarratti xiyyeefate raawwatameera himmannaan jidhu mootummaa naannoo Amaaraan dhiyaateera.

Ragaa yakka sanyii balleessuu Lixa Tigraay keessatti raawwatame dhabamsiisuuf jecha duulli reeffa namoota dhibbaan lakkaawamanii dhabamsiifamuu namootni ijaan argineerra jedhan 15 guyyoota dura BBC'f yaada kennaniiru.

Himannaan haaraa kun kan dhagaahame Manni Maree Mirga namoomaa UN yakka waraana Tigraay keessatti raawwatame qorachuuf garee haadha alangaaa duraa Mana Murtii Yakkaa Idila Addunyaa Fatuu Bensuudan hoogganamuu Itoophiyaatti boba'auu duradha.

Akka dhuga baatotni gariin jedhanitti duulli ragaa balleessuu Ebla 4 eegale, kan duula kana qindeesse ammoo ogeeyyii Yunivarsiitii Gooondari.

''Kan jalqabame ogeeyyiin Yunivarsiitii Gondar daawwannaa erga godhaniiti. Yeroo dhufan konkolaataan jeerikaana adiitti keemikaala baatu waliin jira. Ogeeyyiin kun guyyootaaf milishaan Amaaraa akkamiin reeffa akka dhabamsiisaan maagilicha turaniileenjisanii deebi'an.''