Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Neetwoorkiin labata 5ffaa (5G) Itoophiyaan jalqabsiiste biyyattii akkamiin fayyada?
Itoophiyaan neetwoorkii moobaayilii labata 5ffaa (5G) hojii jalqabsiisteetti. Neetwoorkiin 5G (Labata 5ffaa) teeknoloojii moobaayilii saffisaa isa dhumaa addunyaan keenyi irra geesse dha.
Saffisa isa dhumaa yeroo jedhamus fiilmii intarneetii irraa buusuuf (download) gochuuf sa'atii lama fudhatu, sakandiiwwan muraasa keessatti buusuuf dandeessisa.
Teeknolojiin kaleessa Itoophiyaatti hojii jalqabe kuni beeksisaaf jechas magaalawwan biyyattii filataman keessatti tajaajila kennuu jalqabeera.
Tajaajila kana dursanii beeksisuufis Finfinnee keessa Paarkii Aandinnati, Daandii Charchaliifi naannoo waajira Poostaatti 5G'n hojii eegaluu Itiyoo-telekoomitti itti gaafatamaa teeknolojii kan tahan Taarikuu Dammissee BBCtti himaniiru.
Akka hogganaan kuni jedhanitti tajaajilli kuni waggaa tokkoo booda hojii beeksisuurraa gara tajaajila guutuu kennuutti kan ce'u yoo tahu ammatti buufataaleen tajaajila kennan ja'a yoo tahan fedhii Finfinnee fi naannolee irraa jiruun gara 150 guddachuu malu.
Naannoleen, ''filataman kunneen kan namni baayyeen keessa socho'uufi fedhii daataa mobaayilii fayyadamuu qaban,'' gatii tahaniif tajaajilaaf filatamuu isaanii itti-gaafatamaan kuni hubachiisaniiru.
Buufataalee jahan amma hojii jalqabaniin namoonni kuma 30 tahan tajaajila kana argachuu danda'u.
Itiyoo-telekoom maamilootnisaa tajaajila isaanii mala dijitaalaan akka argatan gochuuf, oomishtummaa guddisuuf neetwoorkii 4G LTE kan jalqabe bara 2015tti ture.
Gara naannolee biraatti babal'isuunis tajaajila kennaa jira.
Itti-gaafatamaan teeknolojii dhaabbata kanaa tajaajila teeknolojii 5G argachuuf neetwoorkii telekoomiiwwan diriirsaniin alatti teeknolojiin neetwoorkicha deeggaru akka barbaachisu himuun, ''kaffaltii tajaajila bu'uura godhate,'' akka qabaatus himaniiru.
Obbo Taarikuun tajaajila kana yaaliidhaaf eegalsiisuuf ji'a tokkoo gadi akka fudhateefi ''baasii 4G fi 4G Advanced'f bahee tureen dachaa sadii caalu'' akka bahes himaniiru.
5G'n Itoophiyaaf maal fayyada?
Itoophiyaan, ''biyya diinagdee dijitaalaa ijaaruuf fiigicha olaanaarra jirtu dha,'' kan jedhan ittigaafatamaan kuni, kaayyoo kana galmaan gahuuf immoo 5G'n murteessaa dha.
Tajaajilli kuni wal'aansa fayyaa fagoorraa kennamu babal'isuuf, qonna gurguddaa teeknolojiidhaan deeggaruuf, damee albuudaa biyyattii teeknolojiidhaan gabbisuufi indastirii jabeessuuf akka gargaaru dubbataniiru.
Haala kanaan Itoophiyaan hojii neetwoorkii 2G diriirsuu dhaabuun, 3G, 4G, 4G Advanced fi 5G irratti hojjechaa akka jirtu itti gaafatamaan kuni ibsaniiru.
Dabaluunis, naannolee biyyattii keessaa harki 66, teeknolojiin 3G waliin gaheera, 4G fi 4G Advanced magaalawwan 136 keessatti diriirfameera.
Teeknolojiin Labata 5ffaa tajaajila saffisaa akka kennu himamus sirna wal-quunnamtii xiyyaaraa garuu ni jeeqa jedhamuun qeeqni irratti dhiyaata.
Baatii darbe keessa daandiiwwan xiyyaaraa gurguddoo Ameerikaa 10 5G'n balaliiwwan irratti, ''dhibbaa guddaa jedhamu,'' uumuu mala jechuu akeekkachiisa kennanii turan.
Daandiiwwan xiyyaaraa kunneen dhaabbileen tajaajila telekoomii kennan tajaajilli kuni buufataalee xiyyaaraa irraa yoo xiqqaate km3 fagaatee akka jiraatu gaafataniiru.
Tajaajilli 5G'n keessumaa yeroo haalli qilleensaa gaarii yeroo hin jiretti sirna balalii ni jeeqa jechuun yaaddoo isaaanii ibsan.
Dhimmi kuni Itoophiyaaf rakkoo hin tahuu jechuun Obbo Taarikuudhaan gaafanneerra. Isaaniis teeknolojii kana jalqabsiisuuf yeroo yaadan dhimma kanaaf xiyyeeffannoo akka kennan himaniiru.
''Ameerikaatti xiyyaara irraa lafatti wal-quunnamtii raawwachuuf malli fayyadaman firiikuweensii 5G waliin kan walitti dhiyaatu gatii taheef qoratamuu qaba yaaddoon jedhu jira.
''Nuti garuu mala 'lowerband' jedhamu gatii taheef, gama kanaan waan yaaddeessu akka hin jirre sirriitti hubanneerra,'' jedhan.
''Daandiiwwan xiyyaaraa waliinis marii gochuun waliigalaa jirra,'' jechuun hubachiisaniiru. 5G''n neetwoorkii 4G amma faayidaarra oolaa jiru irraa harka 20 akka saffisu himama.
5G'n akkamiin hojjeta?
Teeknolojii raadiyoo ispeektiram jedhamu kan fayyadamu 5Gn, jalqaba kan hojiirra oolu dhaabbilee neetworkii dhiyeessaniini.
Dhaabbileen kunneen tajaajila kana kan kennan intarneetii 4G guddisuuf akka isaan gargaarudha.
Ispeektiramiin 5Gn fayyadamu dhaabbilee networkii mobaayilii dhiyeessan irratti hundaa'a.
Dhaabbatichi meeshaalee daddabarsan baayyee dhaabuuf humna qaba yoo taheef intarneetii foyya'aa tahe qabaachuu dandeessu.
Haatahu malee, teeknolojii kana diriirsuuf baasiin bahu salphaa gatii hin taaneef dhaabbileen networkii dhiyeessan rakkoon isaan mudachuu akka malu beekamaadha.
Saffisni isaa hangami?
Yeroo ammaa intarneetiin 4G namoonni baay'ee itti fayyadamaa jiran gidduugalaan sekandii tokkotti daataa megaabaayitii 45 naannessa.
Tahus 4Gn sekandii tokkotti intarneetii hanga giggaabaayitii 1 dhiyeessuu akka danda'u ni himama.
5Gn saffisa intarneetii kanaa dachaa 10 hanga 20 geessisuu mala. Kana jechuun, faayila onlaayiniirraa buusuuf ykn dhimma biraaf fayyadamuuf intarneetiin keessan harka 20 saffisaa jechuudha.
Saffisa kanaan fiilmii qulqullina olaanaa taheen hojjetame tokko daqiiqaa tokko keessatti onlaayiniirraa buusuu dandeessu.