Hoogganaan UN Gutareez Waraanni Kaaba Itoophiyaa akka dhaabbatuuf qaamoolee lamaan waliin dubbataan ture jedhan

Madda suuraa, AFP
Waraannii Kaaba Itoophiyaa gaggeeffamu akka dhuma godhatuuf qaamolee lamaan waliin haasaa hedduu taasisaa akka turan Barreessaan Olaanaa Biyyoota Gamtoomanii Antoonii Gutareezi dubbatan.
Turtii BBC waliin taasisaniin, MM Itoophiyaa Abiy Ahimadiifi dura taa'aa TPLF Dr Dabratsiyoon Gabra Miikaa'eel waliin walitti dhufeenya taasisuun waraanichi akka dhuma godhatuuf yaalii taasisaa akka turan ibsan.
Kanaanis dhukaasa dhaabuun, deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf haallii gaariin akka uumamuufi dhumarattis nagaan karaa mariitiin akka bu'uuf cimsanii yaalaa akka turan himan.
''Yeroo hunda walitti bu'insichi akka dhaabbatuu, deeggarsi namoomaa bakka hunda akka qaqqabu akkasumas mariin nagaa busuuf gargaaru sirriin akka taasifamuuf yaalii taasisaan ture'' jedhan.
Barreessaa Olaanaan Gutareez BBCtti kan dubbatan wayita torban kana biyyoota Lixa Afrikaa kanneen akka Seenegaal, Niijar fi Naayijeeriyaa doowwatanitti ture.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa humnoota federaalaafi TPLF jidduutti gaggeeffamu ji'a 18 kan lakkoofsiseera.
Waraanni kuni badii namoomaafi qabeenyarattis midhaa olaanaa dhaqqabsiiseera. Ammaan tanas dhuma hin arganne.
Hoogganaan UN baatiiwwaniin dura waraanicha dhaabuufi nagaa buusuuf haalli dandeessisu jiraachuu akka isaan gammachise Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Oluuseguun Obaasaanjoo waliin erga mari'atanii booda ibsanii ture.
Gutareez isaan duras BBC Africa waliin turtii taasisaniin, ''Manni maree Nageenyaa Dhaabbatichaa dhimma Itoophiyaa ilaallatuun garaagarummaa yaada ifa ta'ee'' qabaatulleen waraanichaaf furmaanni dhiyoodha jedhanii ture.

Madda suuraa, Getty Images
Haata'u malee, Dhaabbanni Gamtoomanii, Gamtaa Afrikaafi Ameerikaan qaamolee lamaan jidduutti mariin taasifamee waraanni yeroo gabaabaatti xumura akka argatu yaalanis ammatti waan milkaa'an hin fakkaatu.
Darbee darbee walitti bu'iinsawwan gabaafamaniin alatti, humnootii lamaan jidduutti waraanni gaggeeffamu tagabbaa'eera.
Baatii tokkoon dura deeggarsa namoomaa gara Tigraayi galchuu akka dandeessisuuf jechuun motummaan Itoophiyaa waldhabdee dhaabuu labse, TPLF's fudhachuu beeksisuun ni yaadatama.
Kanaan dura dura taa'aan TPLF Dabratsiyoon (Dr) motummaa Itoophiyaa waliin marii al-idleen taasifamaa jiraachuu BBCtti himanii kan ture yoo ta'u, motummaan Itoophiyaa garuu dhugaa akka hintaane himee ture.
Waraanni kaabaa Itoophiyaa ji'oota kudha saddeetiif gaggeefamee kunis naannoolee ollaa Amaaraafi Affaariitti ce'uun alatti biyyattii irratti dhiibbaa diinagdeefi namoomaa olaanaa qaqqabsiiseera.














