Ameerikaa: Poolisiin daa’ima ganna 12 dhukaasee ajjeesuun himatame

Toomaas Sideeriyoo

Madda suuraa, GoFundMe

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa Toomaas Sideeriyoo sochii GonFundMe maatii isaa deeggaruf qophaa'erraa fudhatame
Maxxanfame

Poolisiin duraanii Filaadeelifiyaa baatii Bitootessaa keessa daa’ima ganna 12 qabuuf otoo ari’uu itti dhukaasuun dugda keessa dhahee ajjeese.

Akka qondaaloti jedhanitti, Edsool Medoozaan nama ganna 26 yoo tahu daa’imni Toomaas ‘’TJ’’ Sideeriyoo nama hin hidhanne tahuu otoo beekuu akkaataan isa qabuuf yaale of eeggannoon kan guutame mitii.

Poolisin hiriyyaa gurbaa kanaa meeshaa waraanaa hatuun shakkee ture.

Poolisiin duraanii Mendoozaa Dilbata darbe to’annoo jala oole.

Ibsi abbaan alangee Filaadeelfiyaa mana murtiif dhiyeesse akka jedhutti gareen poolisii Mendoozaa, Toomaasiifi hiriyyaasaa ganna 17 maqaansaanii sanada mana murtii irratti arganii, meeshaa waraanaa hatuudhaan akka shakkamanitti yaadan.

Ibsi kuni yaalii ijoollee kunneen dhaabsisuuf taasifamuun ‘’rasaasni akka malee dhukaafame,’’ foddaa konkolaataa imalaa cabsee, ijoollee yeroo miliquuf yaalan poolisiin Mendoozaa jedhamu kuni, Toomaasiin ari’aa, ala sadii itti dhukaase jedha.

Poolisichi yeroo sadaffaaf kan dhukaase, gurbaan ganna 12 meeshaa akka of harkaa gateefi harkatti akka hin qabanne otoo beekuuti, yeroo sanatti Toomaas fiiguu dhiisee dhaabbatee ture.

‘’Haa tahu malee poolisiin kuni dugda da’ima ganna 12 kanatti dhukaasuun ajjeese,’’ jedha ibsi kenname.

Mendoozaan taatee kanaan booda humna poolisiirraa kan arii’ame yoo tahu, koomishinariin pooliisii, miseensi isaanii humna poolisiin fayyadamuu qabu sarbeeraa jedhan.

Ragaan poolisii shakkamaa kanarratti himame baayyeen yeroo dhukaasni raawwatu viidiyoo waraabamee turerraa kan argame dha jedhan abbaa alangee Filaadelfiyaa Laarii Kiraasnar.

Viidiyoo hamma abbaan murtii eeyyamutti hin gadhiiifamu erga jedheen booda, ‘’viidiyoon sun kan baayyee nama jeequ dha, Toomaas gadi jedhee lafaa ilaalaa ture, harka kennaa jiraachuu mala,’’ jedhe.

Mendoozaan gaafa Dilbataa to’annoo jala kan oole yoo tahu, qorannoon jalqabaa gaafa Caamsaa 16 dhagahama.

Ammaaf wabii malee gaaddisa seeraa jala jira. Poolisiin naannoo Fraternal Order of Police jedhamu abukaatoo nan dhaabaafii jedheera.

Akaakileen Toomaas Meerii Sideeriyoo miidiyaa CBS jedhamutti ‘’poolisicha irratti himannaan banamuu yeroon dhagahu nan gammade,’’ jedhaniiru.

‘’Homaa hin jiru, hirribni nan fudhatu, lapheen koo cabeera.’’ Hundi keenyiyyuu rafaa hin jirru. Waan hamaatu nurra gahe,’’ jedhan.