Daandiin qilleensaa Qantas osoo hin qubatiin balaliinsa sa'aatii 20 eegaluufan jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Daandiin qilleensaa Awustiraaliiyaa Qantas jedhamu bara 2025 irraa kaasee bakka biraa osoo hin qubbannee kallattiin Magaalaa Sidiinii irraa fageenya akka Landan fi Niiw Yoork fa'i akka eegalu beeksiise.
Dhaabbanni balaliinsa biyyaaleessa Awustiraaliyaa kun akka jedheetti, jeettiiwwan Airbus A350-1000 magaaloota addunyaa kamiituu osoo bakka biraa hin qubatiin qaqabuu danda'an haaraa bitateera.
Balaliinsii Sidinii irraa gara Landaniitti taasifamuu jalqabaas bara 2025 keessa kan eegalu yoo ta'u, imalli kunis sa'aatii 20 kan fudhatuufi balaliinsa imaltootaa addunyaa isa dheeraa akka isaan taasisu himameera.
Balaliinisi Sidiiniidhaa gara Landaniitti taasifamu bara 1947tti kan eegalame yoo ta'u, innis sa'aatii 58 fudhachuun bakkee torba qubatama ture.
''A350 fi 'Project Sunrise' Awustiraaliyaa irraa magaalaa kamiittu balaliinsa tokko taasisa'' jedhan Hogganaa Olaanaan dhaabbatichaa Alaan Jooyiis ibsa kennaniin.
"Kunis fageenya dheeraadhaaf addaa fi furmaata dhumaatti.''
Dhaabbatichi pirojaktii kanarratti waggoota gara shaniitiif hojjataa kan ture yoo ta'u, sababii weerara Covid-19n hojiirra oolmaansaa harkifachutu himame.
Bara 2018 keessa balaliinsa kallattii sa'aatii 17 Landanii fi Perth kan Lixa Awustiraaliyaatti argamtu jidduutti kennuu eegaleera. Bara 2019tti ammoo yaaliiwwan balaliinsaa qarqara baha UK fi Niiw Yoork'tti taasisaa tureera.
Xiyaarriwwan 12 balaliinsa haaraa kanaaf ajajamanis bara 2025 keessa galuun kan eegalan yoo ta'u 2028tti hundi akka galanii xumuraman eegama.
Tokkoon tokkoo xiyaarotaas imaltoota 238 kan qabataniifi teessumni isaanis kan barameen adda caalaa kutaa akka fakkaatan dhaabbatichi beeksiiseera.
Imaltoonnis jidduugala xiyyaarichaatti ''zoonii nageenyaa'' -kan bakka ciree ofiin of tajaalilamu fi bakka keessa socha'uun miila diriirfatamu akka qabaatu himame. Kunis imala sa'aatii 20 qilleensa irra taasifamuuf imaltoonni akka itti bayyanatan gochuufidha.















