Naftali Bennett: MM Israa'el erga qeeqame booda baasii nyaata maatiisaa kanfaluuf

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Muummee Israa'el Naftaalii Beneet, gatii nyaata maatiisaa wajjiin soorataniif kiisiikoo keessaa baaseen kanfala jedhan.
Kun kan dhagahame erga gabaasni TV mana dhuunfaa isaattii baasiin bahu garmalee tahuu ifa godhe boodadha. Manni dhuunfaa ministira muummichaa yeroo ammaatti akka masaraatti tajaajilaa jira.
Boodarras ji'a ji'aan maallaqni uummataa dolaarri 26,400 (Birrii miiliyoona 1.3 ol) achitti akka baasii tahu ifa godhe. Kana keessaa $7,400 soorataaf kan ooludha.
MM Bennett kaampaani hundeessaniin miiliyeenara kan tahan wayita tahu, baasiin koo kanuma seerri deeggarudha jedhan.
Waajirri isaanis akka jedhutti MM duraanii Benjaamin Netaniyaahuu baasiin ji'atti baasan harka sadiin kan ammaa caala ture - mana dhuunfaa fi masaraa Jerusaalem argamutti dolaara $84,300 baasu turan jedhe.
Ripportarri BBC Jerusaalem jirtu Yolande Knell akka jettutti, Waxabajjii dabre aangoo kan qabatan MM kun, haala falmisiisaa taheen manuma dhuunfaa isaanii keessa jiraachuu filatan. Angawoota ammaan dura turanirraas garaagarummaa akka qaban mul'isuuf yaalaa turan.
Haa tahu malee gabaasa Channel 13 TV hojjeteen, mana ministira muummichaa keessa maallaqni uummataa guddaan hojjettoota, qulqullinaafi nyaata alaa ajajamuuf bahaa jira jechuun himate.
Aabba Bennet dhuma torbeerra gama toora Facebook isaaniin gabaasicha qeequun, baasiin jedhaman kunniin ''inumaawuu garmalee gadi bu'eera,'' jechuun, ''yaaliin anaan akka waan nama qananii barbaadutti na fakkeessuuf taasifame nama kofalchiisa,'' jedhan.
Maatii isaa miseensa jaha qabu kanaaf seerri heeyyamuufis nama nyaata bilcheessuufillee hin qaxarre, kanaafis nyaata alaa ajajuun akka galchan himan. Akka inni jedhutti maatiin Netaaniyaahuu nyaataaf ji'atti doolaara 11,100 baasu turan jedhe.
Guyyaa Wiixataa MM Beneet mufii hawaasaa hubachuun, baasii soorataa maatiisaa akka ofiif baasu hime.
''Hojiin keenya seeraan kan qajeelfame tahus, miira hawaasa keessatti uume hubadheera. Kaanafis hojjettoota waajira kootti, baasiin nyaataa maatiikoo hundi akkaawuntii koo keessaa akka kanfalamu itti himeera,'' jedhan ibsa baasan irratti.
''Hojii kana keessa kanin seene maallaqaafi kabaja argachuuf jedhee miti. Hangan danda'uun lammiilee Israa'el tajaajiluuf malee - kanas ittuman fufa.''
Aabba Beneet siyaasatti seenuu isaaniin dura kaampaaniiwwan tekinoolojii doolaara miiliyoona 250 oliin gurguranii soreessa tahan.
Ministira Muummee erga tahanii booda mindaan ji'aa $16,500 ni kanfalamaaf. Israa'elitti miindaan ji'aa giddugaleessaan $3,400 akka tahe ni himama.















