Waraana Yukireen: Maanguddota Baha Yukireen qe’eesaanii gatanii baqachuu didan

Maxxanfame

Mandarri Serhiivkaa Baha Yuukireenitti kan argamtu yoo taatu, Dilbata darbe kana callisaan liqinfamtee turte.

Namoonni darbanii darbanii qofa karaa walakkeessa mandara kanaarratti mul'atu, yeroo lafaatti garuu akkas hin turre.

Otoo loltoonni Raashiyaa humna guutuun Guraandhala darbe Yuukireen hin weerariin dura mandara kana keessa namoota 1,500 ta’anitu jiraata ture.

Lolli gidduusaanitti deebi’ee erga jabaate asitti bakki itti lolli gaggeeffamu mandara kanarraa baayyee hiixuu ykn fagoo miti.

Amma yoonaatti jiraattoota mandara kanaa 300 qofaatu mandarattii keessatti hafe, Raashiyaan duula Bahaa fi Kibba biyyattiitti gaggeessaa jirtu hordofee garuu ammas namoonni hedduun baqataa jiru.

Hawaasa mandara kanaa harki caalaan maanguddoota, garuu dargaggoonni muraasnis mandara kanatti hafaniiru.

Mandara kana keessatti akaakayyoonni isaanii wayita qe’eetti hafanitti dhaloonni haaraa dargaggootni iddoo nageenya fooyyee qabutti jalaa baqachuun ta’ii gaaffii uume ta'ee argameera.

"Umrii koo guutuu asin jiraadhe, ammas ani eessayyuu hin dhaqu" jedhan maanguddoon ganna 59 qawwee hidhatan Miyikolaa Luhinetis.

Aab Luhinetis, ji’a Guraandhalaa darbe galma’aanii qawwee fudhatan. "Ani Serhiivkaa keessa tureen, yoo barbaachise lolaaf" jedhan.

Yeroo nagaatti Serhiivkaan mandara indastiriifii qonnaa turte. Dargaggoonni qonna ykn hojii waajjiraa keessatti yookin warshaa cilee baasuu keessa hojjatu turan.

Humnoonni Raashiyaa Dooneskiirra darbanii gara magaalaa Dinipirootti yoo adeeman mandarri kun kallattii haleellaan itti raawwatamu jala jirti.

"Dawoo dhokannaa salphaa ta’e qofa qabna, isa qopheeffannerra" jedhan maanguddoon ganna 59 Valeriyi Duheliniyi.

Duheliniyi bulchaa mandara sanaafi miseensa gartuu daangaa biyyatti eeguuf mandara sanatti gurmaa’niiti.

Duheliniyi aangoon isaan bara 2020tti asitti qaban kan kantiibaa magaalaa tokkoon wal gita.

"Maanguddoonni karaatti bahuun itti cima. Muraasni isaanii mufii qabu, iddoo jiraatan jaalatu, essattuu du’uu hin barbaadan mana isaaniitti yoo ta’e qofa malee."

Baha Yuukireenitti maanguddoonni miliyoona lamaa ol ta’an sababii haleellaa Raashiyaatiin balaaf saaxilamoo ta’uusaanii dhaabbanni gargaarsaa ‘HelpAge International’ jedhamuu beeksiseera.

Dhaabbileen gargaarsaa manguddoota gargaaran yaddoon qaban maanguddoonni iddoo balaaf isaan saaxilu keessaa bahuu dadhabuu isaaniiti.

Maanguddoonni kaan isaanii maallaqa ittiin bakka sana gadhiisanii deeman hin qaban ykn immoo iddoo dhaqan hin qaban.

"Ani soorama baheera, maallaqa baay'ee hin qabu, sooramakoo maallaqa xiqqoo qofan qaba" jedhan maanguddoon ganna 66 Rayisaa Horiislaavet.

Horiislaavet intala isaanii waliin mana xiqqoo Serhiivkaatti argamtu keessa jiraatu.

"Appaartaamaa iddoo kanarra wayyaa qabu kireeffadhee jiraachuuf maallaqa hin qabu, waantii hamaanis yoo dhufe ani filannoo biraa hin qabu" jedhan.

"Eessayyuu yoon dhaqe namni na barbaadu hin jiru, kanaaf waanti barbaade yoo dhufe ani asuman tura" jedhan.

Horiislaavet kanaan dura intalaa isaanii bakka waldhabbiin itti jabaatee fi iddoo finciltoonni keessa socho’an Dooneski keessa jirtu kan biroo waliin yeroo yeroodhaan haasa’aa turan.

Bilbilli intala isaanii ittiin dubbisaa turan garuu erga torban lamaa asii addaan citeera.

Horiislaavets akka jedhan; "intalli koo waanta miidiyaarratti argite hin amaniin, lammilee Yuukireenitu badii amma sanaa qaqqabsiisaa jira naan jette"

"Ani garuu waan Karkivittiifi iddowwaan biroottis ta’aa jiru namoonni argan jiru jedheen itti hime, isheen garuu nan amanne" jedhan Horiislaavets.

Baha Yuukireen iddoo maatiin sababa lolaan addaan qoodamanitti, Raashiyaa olola gabaasni miidiyaaleen addunyaa dhiyeessan dhara jechuun namoota gama Raashiyaan jiran heddu amansiisera - Isaan Yuukireen akka weerartuutti amansiifaman.

Amma yoonaatti mandarri Serhiivkaa nagaa qabdi. Jiraattoonni mandara kana keessatti hafan nageenyi kun itti fufa jedhanii abdatu, taatullee yeroo hamtuufis qophii danda’an gochaa jiru.

Namoonni kunneen Karkiiv irraa garaa Kaaba biyyattiifi Mariyupooli irraa kaasee hanga Kibba biyyattiitti badii dhaqqabee akkasumas waraana balbala isaanii dura kan taate Dooneski keessatti gaggeeffame ijasaaniitiin arganiiru.