Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Konkolaataan namni keessa hin jirre Saanfiraansiskootti poolisiin dhaabe
- Barreessaa, Kiriis Vaalaansiin
- Gahee, Rippoortara Tekinolojii
- Maxxanfame
- Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 1
Qondaaltonni poolisii Saan Firaansiskoo erga konkolaataa namni keessa hin jirre dhaabsisan booda rakkoon isaan mudateera.
Poolisoonni konkolaataa kan dhaabsisan galgala keessa ifaa malee waan adeemaa turteefidha.
Taateen viidiyoon isaa waraabame kana keessa poolisiin ''namuu keessa hin jiru'' yeroo jedhu dhagahama.
Qaami konkolaataa kana sochoosu Cruise jedhama. Kaampaanichi rakkoon ifaa konkolaataatitti mudate dogongora namaarraa madde jedhe.
Kaampaaniin Cruise jedhamu qabeenyummaan isaa kan dhaabbata General Motors jedhamu yoo ta'u, konkolaataa konkolaachisaa malee adeemtu yookaan shufeer-maleessa tolche US keessatti yaalaa jira.
Erga taateen kuni mudate booda kaampaanichi 'konkolaatittiin bakka nageenya qabutti' akka dhaabattu taasifamu ibse.
Kaampaanichi akkaataa humnoonni seera kabachiisan akkasumas kaan konkolaataa AV kana itti dhihaatuu qaban viidiyoowwan qopheessee Yuutubii gubbaa gadhiiseera.
Viidiyicha keessa konkolaattonni kunneen tekinooloojiin sagalee akeekkachiisaa hubachuu danda'u jedha.
Dabaluunis, humnoonni nageenyaa konkolaataatti dhihaachuu dura lakkoofsa bilbilaa addatti kanaaf qophaa'ef akka bilbilan ibsa.
Gareen fagoodhaa taa'ee konkolaataa to'atu kuni konkolaataa kana banuu akkasumas bakka mijataatti akka dhaabbattu gochuu danda'u.
Kaampaanii dureessicha Eelan Maask tahe Teslaan, konkolaataa ofumaa deemtu tolchaa jira.