Jiraattoonni Fiiniksi tajaajila taaksii konkolaachisaa malee eegaluuf jiru

Maxxanfame

Jiraattonni US kutaa biyyaa Arizoonaa, Fiiniksi keessa jiraatan carraa taaksii konkolaachisaa maleessa fayyadamuu eegaluuf.

Mosaajiin(software) tajaajila kana kennu 'Waymo' jedhamu akkuma guugilii irratti baay'ateen tajaajilli kun ni eegala.

Maamiloonni Waymo osoo weerarri koronaavaayirasii tajaajila kana addaan hin kutin dura tajaajila yaaliif eegalanii turan.

Tajaajilli kun hanga ammaatti namootaa maatii Waymo ta'aniif kennamaa kan ture yoo ta'u ammaan booda garuu dameesaa bal'isuun nama appilikeeshinicha fayyadame hundaaf tajaajila kennuuf murtaa'eera.

Tajaajilli kun erga jalqaba waadaa galamee waggaa booda gara hojiitti geeddarame.

Konkolaataan fageenyarraa to'atama, to'attoonni garuu haala humnaa olii keessattidha kan keessa seenan.

Fakeenyaaf daandiin fuuldura jiru cufaa yoo ta'eefi wantoonni balaa uuman yoo jiraatan qofa keessa seenanii to'atu.

Konkolaataa kana fayyadamuuf nama meeqatu carraa argata kan jedhu ammallee ifa hin taane.

Waymon yeroo ammaa konkolaattota 600 lafaa qaba, garuu meeqansaanii tajaajila kanaaf akka oolan hin beekamne.

Dhaabbati kun kanatti aansuun kutaalee US hunda keessatti tajaajilasaa babal'isuuf akka jirus ibseera.

Waymon yeroo ammaa kutaalee US iddoowwan 25 keessatti yaalii gaggeesseera.