Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nagaa eegdonni UN Rippaablika Gidduugaleessa Afrikaatti jala bultii filannootti ajjeefaman
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) naga eegdonni isaa sadii Rippaablika Gidduugaleessa Afrikaatti haleellaa hidhattootaan ajjeefamuu beeksise.
Dhaabbatichi haleellaa lama hidhattoota maqaan adda hin baaneen raawwatameen naga eegdonnisaa biroon lama madaahuu ibseera.
Naga eegdonni dhaabbatichaa biyyittii keessa kan buufataniif filannoo pireezidentummaafi paarlaamaa biyyattiin bor gaggeessitu hordofuun hakkorri akka hin dhalannee tiksuufi.
Pireezidant Fa'ustiin Archaangee Tu'oodera pireezidantiin biyyattii isaan dura turan Firaaci'oos Bozize hidhattoota waliin ta'uun fonqolcha mootummaa yaalan jechuun himatu
Boziizen filannoo alanaa kanarratti akka hin hirmaanne ittifamanii, qoqqobbii UN jala jiru. Himata irratti dhiyaate kanas ni haalu.
Mootummaanis gama isaan himata tokkummaan garee hidhattootaa biyyattii filannoo hatuun irratti dhiyeesse ni haala.
UN ibsa Jimaata baaseen loltootni isaa sadii ajjeefaman Brurundiirraa akka dhufan himee, ajjeefamuun isaanii yakka waraanaa jedhamuu akka danda'u ibseera.
Haleellaan kun kan irratti raawwatame naannoo Deko'aa fi Bako'uumaa jedhamutti ta'uun ibsameera.
Walitti bu'iina dhiyeenya mootummaa fi hidhattoota gidduutti jabaateen namootni 55,000 ta'an qe'ee isaaniirraa buqqa'uu fi gareewwan deeggarsa namoomaa dhiyeessan irratti dhiibbaan jabaan qaqqabaajiraachuu UN ibseera.
Tokkummaan hidhattootaa ibsa Jimaata baaseen qofaatti guyyaa sadiif dhukaasaa akka dhaabu ibsee ture.
Mootummaan gama isaan hidhattootaaf beekamtuu dhowwachuun gaaffii dhukaasa dhaabuu fudhatama dhabsiiseera
Hidhattootni dhiyeenya magaala guddoo biyyattii Bangu'iitti magaalota hedduu ta'achuutu ibsam.
Rippaablikni Gidduugaleessa Afrikaa biyya hiyyeettii Afrikaa keessaa tokko taatus qabeenya akka Daayimandiifi Yuraaniyeemiin badhaatuudha.
UN walakkaan uummata biyyattii deeggarsa namoomaarratti kan hirkate akka ta'eefi tokko shanaffaan ammoo baqachuu ibsa.
Raashiyaan michuu pireezidantii ammaa kana ta'uun torbee kana leenjistoota waraanaa 300 biyyattiitti ergiteetti. Deeggarsi kun gaaffii mootummaa biyyattiin dhiyaate. Raashiyaan lola adeemaa jiru keessaa qooda akka hin qabne himti.