Yukireen xiyyaaraan wiirtuu kuusaa boba’aa haleelte jechuun Raashiyaan himatte

Madda suuraa, Russian Emergencies Ministry/Reuters
Magaalaa Raashiyaatti wiirtuu kuusaa boba’aatti ibidii qabachuun booda, aanga’ootni Raashiyaa kun sababa haleellaa hilikooptaroota Yuukireen lamaan kan uumame akka ta’e himan.
Viidiyoon Tiwiitara irratti qoodame, daangaa irraa km40 fagaatee magaala Belgorod keessatti yemmuu wiirtuun kuusaa boba'aa ibiddaan gubatu ni mul’isa.
Viidiyootni tokko tokko yeroo rookkeetiin kuusaa boba’aa kana rukutu ni agarsiisu.
Ta’us garuu kanaan dura xiyyaarootni waraanaa Yukireen Raashiyaa rukutanii hin beekani. Himati bulchaan Viyacheslaav Giladkoov taasisan kun aanga’oota Yukireeniin hin mirkaneeffamne.
Boodarra dubbii hiimaan Pireezdaant Vilaadmiir Puutin, dabalataan ibidda kanaaf Yukireeniin himachuun ''haleellaan qilleensaa'' kun haasaa nagaa taasisaa jiraniif haala gaarii hin uumne jedhaniiru. Hanga ammaatti maariin nagaa kun bu’aa hedduu hin argamsiifne.
Dubbii himaan kun, Dimiitrii Peeskoov, akka jedhanitti aanga’ootni Raashiyaa dhiyeessiin boba’aa akka sirraa’uu fi dhiyeessii anniisaa Belgorod keessa jiru akka furuuf wanta danda’an hunda taasisaniiru jedha.
Magaalaan jiraattota 370,000 qabu kun, humnooti Raashiyaan marfamee jira.
Bulchaan magaalichaa ergaa Telegiraamii isaaniin akka ibsanitti ''haleellaa helikooptaroota Yukireen daangaa Raashiyaa seenaniin wiirtuun kun ibiddaa ta’eera,'' jedhaniiru. ''Ta’us lubbuun namaa darbe hin jiru.''
Hojjatunni lubbuu baraara ibiddicha hatattamaan to’achuuf hojjachaa akka jiraniifi ''balaan'' jiraattotarra ga’u akka hin jiraanne ibsaniiru. Ministeerii taatee hatattamaa viilidiyoo ibidda kanaa Telegram irratti qoodaniiru.
Miidiyaan Interfax akka gabaasetti jiraattonni naannaa wiirtuchaa turan akka baqatan taasifamee namootni lama ammo miidhamaniiru. Kuusaawwan boba’aa saddeetitti ibiddi akka qabatee jiruu fi hojjettoonni ittisa ibiddaa 200 ta’an bakka sana akka jiranis gabaaseera. Wiirtuun kun dhaabbata boba’aa mootummaa Rosneeft jedhamuun hogganama.
Boodarra miidiyaan Raashiyaa RA Novosti jedhamu ibidda kuusaa sadiirraa to’annoo jala oolfamus, ammayyuu yaaddoon ibidichi babal’achuu danda’a jedhu akka jiru gabaaseera.
Bitootessa 29 naannoo daangaa Belgoroditti wiirtuu kuusaa meeshaa waranaa argamutti dhukaasii adda addaa akka ture himameera.














