Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaan Itoophiyaa lammiileesaa Sa'uudii Arabiyaarraa deebisuu eegale
Itoophiyaan guyyaa har'aa (Roobii, Bitootessa 30, 2022) lammiileeshee Sa'uudii Arabiyaarraa deebisuu eegaluushee Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii hime.
Guyyaa Roobii baqattoonni 498 ta'an wayita Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee ga'an qondaaltota mootummaa biyyattiin simatamaniiru jechuun Ministeerri Dhimma Alaa miidiyaa hawaasummaa isaarratti barreesseera.
Baqattoota Sa'uudii Arabiyaarraa gara biyyaa deebifaman dandamachiisanii daandii qabsiisuu kaayyeffatee kan hundaa'e Koreen Biyyaalessaa, hojii lammiilee kunneen deebisuu guyyaa har'aa akka eegalu kanaan dura beeksisee ture.
Koreen miseensota 16 irraa ijaarame kun Wiixata darbe dhimma kana ilaalchisee mari'atee ture.
Koreen baqattoota Itoophiyaa Sa'uudii Arabiyaa jiran 100,000 caalan ji'oota 7 hanga 11 keessatti deebisanii xumuruuf karoora akka qabu Ministeerri Dhimma Alaa gabaasa isaa keessatti eereera.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii kana dura himanii akka turanitti, lammiilee Itoophiyaa Sa'uudii Arabiyaatti dararamaa jiran biyyatti deebisuun yoomuu adda citee hin beeku jedhan.
Garuu hojiin lammiilee kunneen gara biyyaatti fudhachuu haga tokko harkifatus, kana caalaa cimsanii hojjechuuf karoora akka qabanis himaniiru.
Bara kana ji'a Amajjii darbe keessa jilli Ministira Maallaqaa Ahmad Shideen durfamu gara Sa'uudii Arabiyaa imaluun, haala qabiinsa baqattoota lammiilee Itoophiyaa irratti qondaaltota olaanoo mootummaa Sa'uudii waliin mari'atanii turan.
Biyyi qabeenya boba'aan badhaate Sa'uudii Arabiyaan, baqattoota Itoophiyaa kuma dhibbaan lakkaa'aman keessummeessaa jirti.
Lammiileen Itoophiyaan hedduun hojjetanii jiruusaanii fooyyessuuf jecha gammoojjii fi balaawwan uumamaa fi nam-tolchee hedduu qaxxaamuranii erga Sa'uudii Arabiyaa seenanii booda, achittis sababa eeyyama jireenyaan dararaa hamaaf saaxilamu.
Mootummaan Sa'uudii Arabiyaa lammiileen kunneen waraqaa jireenyaa hin qaban jechuun mana hidhaatti dararaa akka jiru, kanarraa kan ka'e fayyummaan isaanii haala rakkisaa keessa akka jiru baqattoonni yeroo garaagaraatti BBCtti himaa turaniiru.
Lammiileen kunneen manneen hidhaa Sa'uudii Arabiyaatti nyaataa fi yaala fayyaa dhorkamuun lubbuusaaniif yaadda'aa akka jiraatan dubbatan.
Haala hamaa fi dararama cimaa keessatti kufuu isaanii qofa osoo hin taane, eegdota manneen hidhaan akka reebaman, tuffataman fi arrabsaman baqattoonni fi kanneen mirga dhala namaaf quuqaman ibsaa turan.