Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dursaan garee farra-godaantotaa Afrikaa Kibbaa wabiidhaan hidhaatii gadhiifame
Afrikaa Kibbaati garee godaantotarratti duulan kan dursu Nhlanhla Lux Dlamini, guyyoota muraasaaf magaalaa Johaanisbargitti poolisootaan to'atamee erga turee booda wabiidhaan gadhiifame.
Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa hedduurraa kanneen Afrikaa Kibbaatti baqatan akka gadhiisanii ba'an gaafachuun gareen duula gaggeessu 'Dudula' kan jedhamu, jiruu fi jireenya godaantootaatti yaaddoo guddaa ta'ee jira.
Jimaata darbe erga qabamee hidhamee booda Wiixata kaleessaa (Bitootessa 28, 2022) mana murtiitti kan dhiyaate namni umrii waggaa 33 kun, yakkoota akka saamichaa, hannaa fi qabeenyaa barbadeessuutiin himatameera, isa booda wabii doolaara 100n (Raandii biyyattii 1,500n) gadhiifame.
Nhlanhla Lux Dlamini kan hidhame, erga namni dhuunfaa jiraataa magaalaa Soweetoo ta'e tokko, gareen nama kanaan hoogganamu ''Operation Dudula'' jedhamu, miseensonni isaa manatti seenuun qabeenya isaa barbadeessuu himateeti.
Miidiyaaleen biyyattii Soweetoo jiran garuu, gareen kun mana nama himata dhiyeessee kana kan deemeef qoricha sammuu namaa hadoochutu jira jechuun erga shakkee booda sana sakatta'uuf ta'uu gabaasan.
Abukaatoowwan dursaa garee Dudula, Nhlanhla Lux Dlamini, himatni maamila isaanii irratti dhiyaate kan madaala kaasu miti jechuun kuffisan.
Gareen ''Operation Dudula'' jedhamu, godaantota biyya biraadhaa Afrikaa Kibbaa seenanii eeyyama jireenyaa seera qabeessa malee jiraatan irratti duula gaggeessa.
Akkasumas hawaasa keessatti yakka uumamu qolachuu fi yakka uumameef murtee kennuurrattis akka hojjetu himama.
Gareen kun kanaan dura hagas mara beekamuu baatus, yeroo dhiyoo as garuu kutaalee hawaasaa biyyattii miidhamuu fi qoollifatamuu himataniin baayyee beekameera.
Sochiin garee kanaa yakka kanaan dura saba qooduun raawwatamaa ture deebisa jedhamee sodaatama.