Maanguddoo waggaa 80 ammallee baabuura irra hojjatan

Maxxanfame

Ofii isin bara umuriin keessaa waggaa 80 guutuutti eessatti of arguu barbaadduu? Qee'e teessanii dhaloota haaraa gosuu, gara dhaabbilee amantaa deemuun kadhannaa taasisuun dabarsuu ykn akka dargaggootaatti utaalaa hojii keessan hojjachu?

Maanguddoon waggaa 80 Aab Siigii Kiraagweel garuu ammallee hojii waggoota darban 60f hojjataa turan, baabura irra hojjatu.

Dhaloonni isaanii biyya odoola Baarbaadoos kan kibba baha galaana Kaaribiyaatti argamudha. Aab Siigiin bara 1962 keessa ture Ingilizitti baabura keessa hojjachuun kan eegalan.

Mudannoo isaanii wayita himanittis, ''Namoonni tokko tokko maraatuu ta'uu qabda naan jedhu. Ani garuu, 'Lakkii maraatuu miti. Ani baayyee gamadaadhan jedhaan,'' jedhan koolfatii waan namoota isaan irratti odeeffamu yoo yaadatan.

Aab Siigeen akka Awurooppaa bara 1962 keessa dargaggeessa ta'anii akkuma biyya isaanii irraa gara Inglizii galaniin ture hojii baabuura keessa hojjachuu kan eegalan.

Hojii kanaanis badhaasawwan Lifetime Achievement Award jedhaman lama badhaafamaniiru.

''Namoonni hundi waa'ee kee maal akka yaadan gonkumaa yaaduu hin qabdu. Yoo kan waan namoonni waa'ee kee jedhan yaadda ta'e, 'maaloo hirriyoonni kiyya muraasni attamiin akka ani hojii koo hojjadhu yaaduu' jechuu eegalta.''

Kanaafuu ''Ati waanuma akka umamaatiin keessoo kee jiru hojjadhu. Yeros wanti hunduu salphaadha'' jedhan maanguddoon kun.

Aab Siigeen guyyaa hunda alkan keessaa sa'aatii 10 irratti irriibaa ka'u. ''Baabuurra keessa hojjachuu nan jaaladha. Namootaa gaarii baayyeetuu baabuura keessa jira,'' yoo jaalalaafi kabaja hojiisaanii kan bara jireenyaa dubbatan.

Dhimmi Aab Siigii hunda caalaa nama ajaa'ibu ammoo soorama bahuuf karoora qabaachuu dhisuu isaaniti.

Hanga dhumaatti hojjachuuf fedhii akka qaban dubbatu.

Hojichi kan bara jireenyaa isaanii ta'u kan dubbatan maanguddoon kun, ''Tarii kun dogongora ta'uu ykn akka haasaa gowwaatti yaaduu malee, garuu ani kan yaadu akkanatti jechuu,'' jala muruun akka dhumaatti hojjachuu akka barbaadan himan.