Chaayinaan xiyyaara kufee caccabe keessaa namni lubbuun oole hin jiru jette

Loltoonni gara iddoo xiyyaarri itti kufee caccabee wayita deeman

Madda suuraa, CGTN VIA REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni gara iddoo xiyyaarri itti kufee caccabee wayita deeman
Maxxanfame

Aanga'oonni Chaayinaa xiyyaara Wiixata darbe namoota 132 fe'ee osoo imalaa jiruu Kibba biyyattiitti kufee caccabe keessaa namni lubbuun oole hin jiru jedhan.

Xiyyaarri Booyingi qabeenyummaan isaa kan Daandii Qilleensaa 'China Eastern' ta'e kun Kunmiing irraa gara Guwaangizhuu balali'aa osoo jiruu funyaan isaa lafatti gadi garagalee bosona yabbuu gaarreen Guwaangishii keessatti kufee caccabe.

Lubbuu baraartonni amma dura qorannoo qaccee sanyii (DNA)n eenyummaa namoota 120 adda baasuu akka danda'an qondaalonni aveeshinii biyyattii himaniiru.

Miidiyaan mootummaa biyyattii meeshaa odeeffannoo balalii xiyyaaraa galmeessu Bilaak Booksii xiyyaarichaa lamaanuu argamuu gabaaseera.

Meeshaan xiyyaarichi balalii eegalee sa'aatii tokko booda sababa maaliin akka kufe odeeffannoo murteessaa kennuu danda'u kun xiyyaarichi kufee guyyoota shan booda Sanbata argame.

Bilaak Booksiiwwan lamaan qorannoof gara Beejiing kan ergaman yoo ta'u, tokko waraabbii sagalee kutaa paayileetotaa akka qabu Rooyitars gabaaseera.

Namoonni lubbuun oolan jiraachuu malu abdii jedhuun lubbuu baraartonni bosona yabbuu kana sakatta'aa turanis namni lubbuun oole akka hin jirre mirkanaa'uu aanga'oonni himaniiru.

Sakatta'iinsi sababoota akka teessuma lafaa, bosona yabbuu fi dhoqqee naannoo xiyyaarichi itti kufe jiruun rakkisaa akka ture himu aanga'oonni.

Barbaachi qaama namoota balaa kanaan du'anii fi caccabaa xiyyaarichaa akka itti fufus himan.

Xiyyaara 737-800 kana kan tolche Booyiingi Sanbata gareen teekniikaa isaa qorannoo godhamaa jiru gargaaraa jiraachuu beeksiseera.

Pireezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing balaa kanarratt qorannoon guutuun akka godhamu gaafataniiru.

Balaan kun Chaayinaa keessatti balaa xiyyaaraa hamaa lubbuu namoota hedduu galaafate bar-kurneewwan sadan darban keessatti mudate ta'ee galmaa'eera.