Adamoo lammiilee Naayijeeriyaa gara adurreetti geeddaramuu dandeenya jedhanii

Kibba-Lixa Naayijeeriyaa magaalaa Ibaadaanitti, dargaggeessi Gibengaa Adewooyinii jedhamu haaduu qara qabuufi sagalee guddiftuu qabatee, wayyaa gurraacha uffatee yeroo gabaa keessa deemu bara gidduu-galeessaa keessa nama falfaltuu adamsu, abbaa qorichaa, ykn immoo lallabduu magaalaa fakkaata.
Akeekkachiisa: Odeessi kuni wantoota isin rifachiisan qabaachuu mala.
Namoonni naannoo gabaa Gibaagii jedhamu turan ergaa kana gaafa dhagahan battalatti adda faffaca’an. ‘’Namni falfallii ykn toshi kan akka Juujuu ykn Vuuduu jedhamu jiraachuusaaf ragaan agarsiisu doolaara 6000 ykn Naayiraa miiliyoona 2.5 argata,'' jechuun afaan Yoorubaa fi Ingiliiziin labsa.
Dargaggoon ganna 24 Waaqatti hin amanne ykn ‘atheist’ tahe kuni biyya akka Naayijeeriyaa amantii jabeessitu keessatti finciluudhaan, waan namoonni Waaqa jedhanii itti amanan ni morma ykn aangoo isaa akka isaaf mirkaneessan gaafata.
Naayijeeriyaatti amantiin aadaa juujuu jedhamu, babal’atee kan argamu yoo tahu gariin namootaa aadaa kana amantii Kiristiyaanaa fi Islaamaa wajjin walitti maku jedha qorannoon bara 2010 dhaabbata qorannoo ‘Pew’ jedhamuun hojjetame.
Naayijeeriyaatti namoonni baayyee tolchi ykn falfalli namoota gara adurreettii geeddara, qullaa yoo deeman waan qara qaburraa nama eega, xuwwee suphee keessatti qarshii argamsiisa jedhanii amanu.
Kana kan amanan namoota barnoota ammayyaa hin arganne qofa osoo hin taane namoota barnootaan sadarkaa olaanaa qabanis dha.
Dr Olaaleyee Kayodeen Yunivarsiitii Ibaadaanitti barsiisaa gameessa Amantii Ganamaa Afrikaati
Qarshiin xuwwee keessatti mul’ate jedhame, ‘’hafuura baankota jiran irraa kan argame dha,’’ jechuun BBCtti himaniiru.
Juud Akaanbii immoo mana barnootaa waa’ee amantii fi Waaqaa qoratu ‘Crowther’ jedhamutti barsiisuu, isaanis dhimma kanarratti mamii hin qaban.
''Dandeettii gara adurreetti of jijjiiruu, iddoo tokkotti mul’atanii baduufi deebi’anii mul’achuun amantii ganamaa Afrikaa keessatti waan tahuu danda’u dha,’’ jedhan.
''Dubbii sababaaf- bu’aan deeggaramu tahuu baatus, akkuma oduu durii fa’i jechuu dha, garuu waan argineefi dhageenyerraa waantoonni kunneen dhugaa dha,’’ jedhan.
Amantiin akka kanaa, keesumaa qaamni namaa ykn gochi falfalaa xuwwee suphee keessaa qarshii baasuu danda’a jedhu ajjeechaa qarreewwan baayyeef sababa taheera.

Madda suuraa, Getty Images
‘’Dargaggoonni ajjeechaa akkasii irrattii hirmaachuun baayyee nama gaddisiisa. ‘’Otoo falfalli qarshii akkasii hojjeta tahee qarshiin akka malee baay’atee diinagdee keenyarratti maaliif qaala’insi hin mudatu ture?’’ Jechuun Adewooyiin BBCtti hima
Yeroo imala marsaa sadii keessaa isa lammataa taasisuuf Ibaadaan turetti, nama aangoo falfala juujuu addabaabaayiitti agarsiiseef qarshii Naayijeeriyaa, naayiraa miiliyoona 2.5 kennisiisuufi qophii ture. Qarshiin kuni fayyadamtoota Tiwiitarii irraa kan walitti qabame dha.
''Haaduun kuni namoota waan qara qabu nu keessa hin bahu jedhaniifi,’’ jedha. Warreen falfala kana raawwatan yeroo baayyee afuura hamaa akka qabanitti amanama.
Falfala akkasii akkamiin tahe jedhanii gaafachuun hawaasa Naayijeeriyaa biratti safuu dha.
Dhimma akkasii irratti mormii ifatti dhiyeessuun, keesumaa akka Adewooyin kana gabaatti bahanii dubbachuun, amantii xuureessuun to’annoo jala ooluu dabalatee, jumlaadhaan hanga ajjeefamuu namaan gahuu danda’a.
''Falfallii juujuu hinuma hojjeta, inni waan haasa’u hin beeku,’’ jedha daldalaan tokko uummata keessaa.

Gephii isaa keessa kudhaama irratti tolchame qaba, kunis hamaa irraa akka isa eeguufi. Haa tahu malee doolaara 6000 fudhatee akkatti tolchi kuni hojjetu agarsiisuuf fedhii hin qabu.
Naayijeeriyaatti falfalatti amanuun amantii Kiristiyaanaa fi Islaamaa wajjin wal hin dhiitu. Tahus abbootiin amantaa kunneenii amantii aadaa Afrikaa kana akka hafuura hamaatti kan ilaalan yoo tahu kadhannaa fi humna Waaqa isaan itti amananiin ni mo’ama jedhanii yaadu.
Paastaroonni baayyee aangoo uumamaan ol tahe qabna jechuun abaarsa falfala juujuu irraa dhufe akka balleessan dubbachuun beekamtiifi qarshii guurrataniiru, imaamonni baayyees waanuma wal-fakkaataa dalagu.
Haa tahu malee gaaffii Adeewooyiniin iddoo magaalawwan Oguuniifi Ibaadaanitt dhiyeesse fudhatee namni falfala kana ifatti agarsiisuuf eeyyamamaa tahe hin jiru. Inni garuu ammallee gara kibba-baha biyyattii iddoo Oguun jedhamutti imaluuf qophaa’aa jira.
Namni gariin ‘na ilaalaaf’ kana raawwata jedhanii isa haa qeeqaniyyuu malee, suuraalee namootaa falfalaaf jecha miilli irraa cabe, qaroon ijaa irraa bahe inni agarsiisaa deemu hinuma argu.
Adewooyiniin hogganoota amantiiwwan aadaa Naayijeeriyaa falmuu barbaada.
Naayijeeriyaatti qaama isaanii falfalaaf fayyadamuuf jecha namoota ajjeesuun bara 90moota babal’atee, kanaanis magaala baha biyyattiitti argamtu Oweeriitti daa’imni ganna 11 butamee ajjeefamuun booda bara 1996tti hokkorri ka’ee ture.
Bara miidiyaan hawaasaa babal’ate kanatti immoo falfalaaf jecha ajjeefamuuf nama achi buuteensaa dhabame ykn reeffi argame otoo hin gabaafamiin hin oolu.
Baatii darbe dhiiroti sadii shamarree ganna 17 naannoo Oguun jedhamutti ajjeesuun muffii guddaa kaasee ture. Poolisiin qabamanii yeroo jecha isaanii kennan sana kan raawwatan kutaa qaamashee falfalaaf fayyadamuun sooressa nu taasisa jedhanii waan amananiifi.
Xuwwee supheefi wayyaan diimaa isaan wajjin qabames kan fiilmiiwwan Naayijeeriyaa irratti mul’atu sana fakkaata.
Biyya ollaa Naayijeeriyaa Beeniinitti Vuuduun amantii beekamtii qabu dha.
Du’a shamarree sanaan booda bakka buutonni uummataa biyyattii dhimma kana paarlaamaatti erga marii’atanii ‘’ajjeechaa akkanaarratti labsii yeroo muddamaa kaa’uuf,’’ yaadaa jiru.
Ministirri Odeeffannoo Naayijeeriyaa Laayaa Mohaammad fiilmiiwwan Naayijeeriyaa fi miidiyaan hawaasaa ajjeechaawwan akkanaaf sababa dha jedhu.

Madda suuraa, AFP
Boordiin fiilmii ilaalee uummataaf isa dhiyaatu akka dabarsuufi, ‘’qabiyyeen falfala qarshii argachuuf taasifamu akka hin darbine,’’ barbaadu.
Warreen fiilmii hojjetan garuu dhimma akka biyyaalessaatti yaadessaa taheef indastirii fiilmii(Nooliiwuud) qofaatti qeeqamuu hin qabu jedhu.
Adewooyiin garuu sirni barnootaa Naayijeeriyaa falfalli juujuu akka hin hojjenne namoota amansiisuurratti ykn barsiisuurratti kufeera jedha.
Dargaggeessi kuni imalli taasisaa jiru aangoo addaa qabna jechuun warreen waliin dhahan ni saaxila abdii jedhu qaba, kunis ajjeechaa sababa kanaan uumamu hambisuuf gargaara jedha.
‘’Nama sababaafi bu’aatti amanu tokkoof namni gara muuziitti geeddarama jedhanii amanuun saayinsawaa kan hin taaneefi yaaddeessaa dha, ‘’ jedha.












