Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Somaaliyaan ammas guyyaa filannoof qabame dabarsuuf
Somaaliyaatti waldhabdee siyaasaa biyyatti keessatti mudateen walqabatee filannoo paarlaamaa yeroo dheeraaf harkifataa ture ammas guyyaasaatti kan xumurtu hinfakkaattu.
Mootummaan federaalaa filannichi Bitooteessa 15tti akka xumuramuuf yeroo kaa'ee kan ture yoo ta'u, qaama seera tumu keessaa teessoon 50 ganaa hin guutamne.
Kunis yeroo filannoon pirezidaantii biyyattii kan miseensoota mana mareetiin filatamu itti gaggeeffamu irratti dhiibbaa akka taasisu yaadama.
Somaaliyaan Guraandhala 2021 irraa kaasuun filannoo kanaan walqabatee irra deddeebiin yeroo filannoon miseensoota mana maree bakka bu'oota ummataa itti xumuruuf kaa'amee dabarsaa turunshee ni yaadatama.
Hanga ammaattis teessoo mana marichaa 275 keessaa 220 filatameera. Turtiin filannoo miseensoota paarlaamaa haaraa fi pirezidaantiin wal qabatee taasifamees biyyattii rakkoo siyaasaa keessa galcheera.
Biyyattiin sababii rakkoo boordiiwwan filannoo fi wal amantaan siyaasaa pirezidaanti Mohaammad Abdullaahi 'Farmaajoo' fi Ministira Mummee Mohaammad Hussien Roblee jidduutti umameetiin hoggantoonni haaraan akka filatamaniif carraaqaa turte.
Pirezidaanti Farmaajoon bara 2017tti kan filatame yoo ta'u, amma garuu garee al-Shabaab kan al-Qaa'idaa waliin hidhata qabu waraanuu dabalatee, waadaawwan seenee ture guutuu irratti rakkataa jira. Al-shabaab ammaan tanatti eddoowwan Somaaliyaa hedduu to'atee jira.
Akkasumas malaammaltummaa irrattis qabsaa'uuf waadaa galee kan ture yoo ta'u, qeeqxoonni Faarmaajoo ammoo gama kanaanis baayyee akka hin milkoofne dubbatu.