Dafqaan bulaa lammii Indiyaa YouTube irratti beekamtii horate

Ayisaak Munsaa mana keessatti

Madda suuraa, Isak Munda

Maxxanfame

Indiyaa mandara Oriyasaa jedhamtu keessatti dhalatee, hojii humnaa hojjachuun galii argataa ture ‘galanni’ koronaavaayirasiif haa ta’uti, amma miidiyaa hawaasaa irratti beekamtii guddaa horateera.

Isaak Mundaa YouTube irratti yeroo jalqabaaf viidiyoo kan gadhiise Bitooteessa bara 2020 ture.

Yeroo sanatti to’annoo weerara koronaaavaayrasiif jecha Indiyaan lammileen ishee akka manaa hin baane yeroo ittii ajajjee turtedha.

Isaak dameen ijaarsaa inni keessa hojjataa ture sababii weerara dhibeetiin miidhamee ture. Isaaki fi namoonni akka isaatti damee hojii kanarratti bobba’an biroo mana ooluu eegalan.

Egaan yeroo kanatti ture waa tokko kan yaade. Ijoolleen isaa fiilmii daa’immanii YouTube irraa ilaalu. Akka tasaa garuu beeksisa wayii arge.

Isaak akka yeroo kaanitti beeksisa sana dabarsuuf hin ariifanne. Beeksisichi akkas jedha, 'Youtube irratti viidiyoo maxxansitanii maallaqa argachuu yoo barbaaddan isin gargaarra' jedha.

Isaakis 'osoo yaale maalin dhaba,’ jedhee yaade. Hojiichatti seenuuf hin rincicne. YouTube gubbaatti viidiyoowwan dhimmicha ilaallatan horodofuu jalqabe. Sana booda viidiyoo isa jalqabaa YouTube gubbaatti maxxanse.

Viidiyoon isas erga daawwattoota nagaa gaafateen booda soorata maatii guutuun tokko soorachuu danda’u kophuma isaa yoo nyaatee fixu agarsiisa.

Namoonni miliyoonatti lakkaa’aman viidiyoo sana ni ilaalu jedhee eegullee namni viidiyoosaa ilaalu dide.

‘’Torban tokkoof namni tokkollee viidiyoo koo hin ilaalle. Baay'ees na aarsee ture,’’ jedhe.

Haata’u malee, Isaak abdii hin kunne. Gara YouTube gubbatti deebi’uun akkatti hordoftoota horachuun danda’amu wayita ilaalu, beeksisa hojjachuun akka danda’amu bare.

‘’Feesbuukiirratti fuula banadheen beeksisuun eegale. Namoonni 10 ykn 12 ta’an naaf ilaaluu eegalan.’’

Viidiyoo namoonni kuma hedduun daawwatameef ammoo, nyaata aadaa Indiyaa ‘Baasii Paakhala’ jedhamu wayita muxux godhee nyaatee fixu kan agarsiisu ture.

Isaan boodas Isaak tokkichumaan hordoftoota hedduu argate. ‘’Si’a tokkichatti namoonni 20,000 ‘subscribe’ naa tolchani. Namoonni addunyaarra - Ameerikaa, Biraazil fi Mongoliyaarra naaf ilaalan,’’ jechuun yaadate ibse.

Isaak Mundaa haadha warraafi ijoollee isaa waliin

Madda suuraa, Isak Munda

Waggoota lama keessatti toora ‘Munda eating’ jedhamurratti hordoftoota 800,000 ol qaba. Amma yoonaatti viidiyoowwan isaa si’a miliyoona 100 oli ilaalameera.

Bara darbe Ministirri Muummee Indiyaa Naaredera Moodiin sagantaa raadiyoorratti dhiyaatanii Isaak leellisaniiru.

YouTube Karaa YouTube'n dhuunfachuu

Isaak viidiyoowwan maxxansu YouTube biratti ‘’maakbaang’’ jedhamuun beekamu. Damee kanarratti namoonni bobba’an soorata kaameeraa dhoksuuf ka’u ofdura kaa’anii yeroo tokko callisanii nyaatu, yeroo kaanimmoo hordoftoota isaaniitti haasa’aa nyaaticha fixu.

Akkana gochuun kan eegalame bara 2012 Kooriyaa Kibbaafi Naayijeeriyaa keessatti ture. Achii booda gara biyyoota addunyaatti babal’ate. Hordoftoota miliyoonaan lakkaa’aman qaba. Daawwattoonni maakbaang ‘’viidiyoo kana bannee ilaalaatu nyaanna, sababni isaa kophummaan akka nutti hin dhaga’amneefi,’’ jedha.

Isaak viidiyoo isaa yeroo maxxansu waa’ee maakbang homaa hin beeku ture. Viidiyoo akkamiin maxxansuu qaba jedhee otoo yaaduu nyaatarra kan bu’e.

‘’Daawwattoonni sooranni qopheessinurratti hundaa’uun jireenya akkamii keessa akka jirru ilaaluu barbaadu jedheen yaade,’’ jechuun dubbate. Isaak barnoota guddaa kan argates achuma YouTube gubbaati.

Ayiiskaa Mundaa ijoolleefi haadha warraa isaa waliin

Madda suuraa, Isak Munda

Kaameeraa akkamii bituu akka qabu, viidiyoo waraabuufi qopheessuu dabalatee soorata akkatti qopheeeffamu achuma Youtube irraa barate.

Maallaqa qusate keessaa ruuppii 3,000 ykn doolaara Ameerikaa 39’n bilbila bitate. Yeroo sanatti ruuppii 3,000 isaaf maallaqa guddaa ture. Bilbila kan bitate kaffaltii ji’aan argatun malee yeroo tokkichattii hinturre. Beekumsa Afaan Inglizii guddaa ittiin jajamuus hin qabu ture. Garuu intarneetiin otoo jiruu baruu hin dadhabu jedheetu murteeffatee ka’e.

Karaa imeeliifi miidiyaalee hawaasaa waa’ee YouTube haasa’uu eegale.

Waggaa lama dura Isaak hordoftoota isaa nagaa erga gaafatee booda soorachuu eegala ture.

Amma garuu waggaa lama booda horoftoonni isaas heddummachuun, amma mandara irra deemuun aadaa biyyasaatii daawwachisaa, iddoo namoonni walitti qabaman dhaqee waraaba.

Lammlieen biyyattiis yaada isa jajjabeessu keennufirratti argamu. Namoonni hedduun jireenya isa dhugaa egaa inni hawaasatti argarsiisuuf ’orijinaaliidha’ jedhani isa jaalatu.

'Eegeree ijoollee kiyyaa'

Isaak hojjataa humnaa ykn dafqaan bulaa wayita turetti guyyaatti ruuppii 250 argata ture.

Guyyoota 18-20tti hojjatee kan kuufatuun maatii isaa bulchuuf gahaa hin turre. Ijoollee afur, haadha warraa isaa fi warra isaa gargaaruuf rakkataa ture.

Amma maallaqni YouTube irraa argatu ruuppii Indiyaa 60,000 hanga 300,000ti. Osoo YouTube irra maallaqa hin argatiin dura godoo gugguftetti galaa kan ture yoo ta’u, lafa sanarratti mana abbaa darbii lamaa ijaarrateera.

Baasii ijoollee isaa ittii barsiifatu argateera. Konkolaataa moofaa tokkos bitateera.

Laaptooppii ittin viidiyoo qopheessuus akkasuma bitateera.

Amma mandara isaa keessatti nama beekamaa ta’eera Isaak. Hawaaasa naannoo sagantaa qopheessee waama, indaaqqoo qalaaf. Karoorri isaa itti aanu mana barnootaa ijoolleen isaa afaan Inigliizii sirriitti itti baratan ijaaruu akka ta’e himeera.