Giiftiin Ingiliz Eelzaabeet koronaavaayirasiin qabaman

Madda suuraa, Getty Images
Mootittiin Ingiliz Eelzaabeet qorannoon erga taasifameefii booda Covid-19 irratti argamuu masaraan mootummaa Baakiinghaam beeksise.
Mallattooleen sasalphoon Covid-19 kan akka qufaa kan irratti mul'ate mootittii Eelzaabeet, erga vaayirasichi irratti argamee booda ''hojiiwwan sasalphoo'' hojjechuu itti fufaniiru.
Hojiiwwan muraasa qe'eesaanii Wiindsar keessatti argamu taa'anii hojjechuu itti fufu jedha ibsi masaraa mootummaa isaaniitii ba'e.
"Adeemsa barbaachisaa hordofuun wal'aansa fayyaa taasifamuuf hordofuu itti fufu,'' jedha ibsi kun.
Maanguddoon umrii waggaa 95 kun torban darbe keessa ilmasaanii hangafaa kan Covid-19n qabamee ture waliin tuttuqqaa akka qabaachaa turanii fi isaanis guyyoota muraasa booda akka qabaman ibsame.
Ilmisaanii hangafaa kun kan gonfoo isaanii dhaaluuf jedhuudha.
Iddoo jireenya mootittii kan ta'e masaraa mootummaa Wiindsar keessatti namoonni hedduun Covid-19n qabamuus ibsi kun eereera.
Mootittiin Eelzaabeet seenaa sirna moototaa UK keessatti nama waggaa dheeraa [waggaa 70] aangoorra turuun kan jalqabaa ta'aniidha.
Guyyaan kun kabajamee torbee lama boodadha, mootittiin Covid-19n qabamuun kan ibsame.
Mootittiin talaallii Covid-19 kan jalqabaa kan fudhatan bara darbe Amajjii keessa fudhatan, isa boodas marsaa lammaffaa fudhataniiru.
Mootittiin Eelzaabeet ilmasaanii Chaarlas kan vaayirasichaan qabameen erga wal arganii booda of shakkanii adda of baasanii turan, isa booda qorannoo taasifameefiin vaayirasicha qabaachuunsaanii barame.
Haati warraa ilma mootii Chaarlasis inni qabamee guyyoota muraasa booda vaayirasichaan qabamuun ibsameera.
Ilmi mootii Chaarlas yeroo lama koronaavaayirasiin qabame.
Maatiin warra moototaa kunneen doktara dhuunfaasaanii qabu.
Landan, Hospitaala Seenti Maaris keessa kan hojjetan akkasumas Kolleejii-Landan Imperial jedhamutti pirofeesara kan ta'an Doktar Sar Huuw Toomaas doktara mootittiiti.














