Namticha waliigalteedhaan miila hiriyaasaa irraa muree ajjeese poolisiin to'ate

Madda suuraa, Getty Images
Namtichi kaaba-baha Awustiraaliyaa keessatti miila nama biraa irraa muruun ajjeese, himannaan ajjeechaa irratti baname.
Namtichi umuriin waggaa 66 tokko Fageenya Kaaba Kuuwiinlaand'tti paarkii keessatti du'uunsaa Sambata namoota karaarra darbaniin argamu poolisiin beeksiise.
Poolisiin akka jedhuutti namtichi du'eefi dargaggeessa shakkamaan- kan umuriin waggaa 36 jidduu hariirootu jira.
Dargaggeessichi akka miilasaa irraa muruuf waliigalteen ta'e jiraachuu akka hinoollee amana.
Jarreen lamaanu kan wal beekan ta'usaanii poolisiin himeera.
Poolisiin akka jedhetti, namoonni lamaan walumaan gara paarkichaatti erga konkolaataan seenanii booda, daqiiqaawwan 20 dargaggeessi umuriin waggaa 36 jilbaa gadiitti minshaaraan (ilkoon) miila namtichaa irraa mure.
Shakkamaan kunis osoo miilaan gara dhufetti hin deebi'iniin dura namtichi miilli muramee akka konkolaataa keessa seenuutti gargaareenii ture.
Namni karaa sana darbu nama miidhaa irra gahee sana erga argeen booda tajaajilawwan atattamaatiif bilbiluulleen garuu inni miillli irraa murame sun battalumatti du'e.
''Tajaajila waggoota 34 akka poolisiitti kennee keessatti haala amma agaree kun gonkumaa na mudate hin beeku'' jedhan Qorataan yakkaa Gireey Hantar yoo miidiyaa biyya keessaa Awusitiraaliyaatti himaniitti.
Taatee kanaanis ''gaddisiisaa'' jechuun miilli nama kanaa maaliif akka irraa murame garuu ammatti ifaa miti jedhaniiru.
Shakkamaan kunis guyyaa Wiixataa mana murtiitti akka dhiyaatu eegama.












