Laamborgiinii dabalatee konkolaaataawwan gati-jabeessa ta'an kuma afuritti siqan doonii tokkorratti gubatan

Madda suuraa, Reuters
Dooniin konkolaataawwan biraandii qaqqaalii ta'an kan akka Laamorgiinii, Audis, Porsche fi kaan fe'atee Garba Atilaatikarra gara UStti imalaa ture tokko abiddi qabatee konkolaataawwan achirra turan 3,965 gubachuun dhaga'ame.
Dooniin maqaan ishee Felicity Ace jedhamtu Emden, Jarman irraa kaatee odola qarqara Poorchugaa irratti argamtu Azores jedhamtu akkuma qaqqabdeen abiddi qabate.
Gaazexaan jarman Handelsblatt jedhamu akka gabaasetti, konkolaataawwan gubatan irraa kan hafe namoota doonicharra hojjetaa turanirra miidhaan qaqqabe hin jiru.
Humni galaanaa Poorchugaal ammoo abidda gaafa Roobii doonii qabate sanaan namni miidhame tokkollee akka hin jirre ibsuun, hojjettoota doonichaa 22 ta'an gara hoteelaatti baqachiifamaniiru jedhe.
Humni galaanaa Poorchugaal kun dooniiwwan daldalaa afur doonii gubatte sanatti dhiyoo imalaa turan, akkasumas Humna Qilleensaa Poorchugaal waliin ta'uun hojjettoota baraaruu danda'eera.
"Abbaan qabeenyaa doonii Felicity Ace doonii abiddi itti qabate sana baasuudhaaf dhaabbata loojistikii waliin dubbachaa jiraachuu humni galaanaa kun ibsa baaseen himeera.
"Hanga ammaatti faalamni balaan kun qaqqabsiise galmaa'eeru hin jiru."

Madda suuraa, Getty Images
Iimeeliin keessaa Volkswagen USA irraa agame biraandiiwwan konkolaataa bebbeekamoo akka Laamborgiinii, VW, Porsche fi Audi walumagalatti 3,965 doonii sun fe'attee turte akka barbaadaa'e mul'isa.
Konkolaataawwan kanneen keessaa Volkswagen kan isaa hangama akka ta'e hin mirkaneessine, Porshe garuu konkolaataawwan isaa 1,100 ta'an doonittiirra turaniiru jedheera.
Kampaaniin kun dooniin kan qaama sadaffaa taate konkolaataawwan fe'attee Atilaantika irra imalaa osoo jirtuu balaan kun qaqqabuu isaa akka quba qabullee ibseera.
Kampaaniin konkolaataa Bentley jedhamu konkolaataawwan isaa 189 doonii sanarraa akka qabu himeera.
"Odeeffannoo dabalatee argachuudhaaf kampaanii doonii waliin hojjechaa jirra," jedha dubbi himaan Bentley.
Dooniin kun gara warshaa Volkswagen kan Davisville, Odola Rhodee jedhamu keessatti argamutti deemaa ture akka marsariitiin Marine Traffic jedhutti.
Maamilli tokko fuula tiwiitara isarratti akka barreessetti konkolaataan isaa Porsche tokko doonii sanarra turte.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X














