Itoophiyaatti namoonni labsii yeroo muddamaan hidhaman hatattamaan akka hiikaman US gaafatte

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa kaasuun isaa hojii sirrii fi qaama furmaata goolama siyaasaa biyyattii ta'uu kan ibse mootummaan US, garuu tarkaanfii kanatti aansuun namoonni wayita labsichi ture hidhaman hatattamaan hiikamuu qabu jedhe.
Waraana biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiruu fi goolama siyaasaa uumamee jiru karaa nagaan furmaata kaa'uuf tarkaanfiin mootummaan fudhate xurree kan saaquudha jechuun, tarkaanfii mootummaa kanatti gammaduu ibseera Ministeerri Dhimma Alaa US.
''Labsii yeroo muddamaa kana keessa hidhamanii kanneen osoo himannaan irratti hin banamin mana hidhaa jiran hatattamaan hiikuun tarkaanfii itti aanu ta'uu qaba,'' jedha ibsi kun.
Hidhaan akkanaa yoo dhaabbate, mariin biyyaalessaa hunda hirmaachisaa fi bu'a-qabeessa ta'e dhugaatti jiraachuu danda'a jedha ibsichi.
Mootummaan US Itoophiyaa keessatti waraanni hatattamaan akka dhaabbatu, gargaarsi namoomaa danqaa malee akka qaqqabu, akkasumas dhiittaan mirga namoomaa akka qoratamu gochuuf qaamolee dhimmi ilaalu hunda waliin dubbachuu itti fufti jedha ibsi kun.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas Paarlaamaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa kana osoo yeroonsaa hin xumuramin kaasuun sirrii ta'uu ibse.
Mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo muddamaa ALI Onkoloolessa 2014 irraa kaasee ji'oota ja'aaf labsee ture guyyaa Kibxataa, Guraandhala 8, 2014 kaaseera.
Mootummaan labsiin kun mirga namoomaarratti miidhaa guddaa qabaachuu hubatee kaasuunsaa waan jajjabeeffamuudha jedha ibsi Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa.
Komishinichi namoonni yeroo labsiin kun ture hidhamanii hanga yoonaa manneen hidhaa biyyattii garaagaraa keessa jiran hatattamaan akka gadhiifaman gaafateera.
Dabalataan namoonni labsii yeroo muddamaan hidhamanii gadhiifaman, waraqaa kana mirkaneessu dhabuusaaniitiin gara hojiisaaniitti deebi'uu waan hin dandeenyeef, rakkoolee hawaas-diinagdee hamaaf saaxilamaa jiraachuu akka adda baases ibseera komishinichi.
Kanaafuu namoota mana hidhaa turaniif ragaan mirkaneessu akkasumas ragaalee barbaachisoo biroon hatattamaan akka kennamuuf, namoonni hidhaatii gadhiifaman gara jiruusaanii idileetti akka deebi'aniif haalli mijachuu akka qabu komishiniin kun gaafateera.
Labsiin yeroo muddamaa mootummaan Itoophiyaa ''biyya balaarraa baraaruuf'' jedhee Onkoloolessa darberraa eegalee ji'oota ja'aaf akka turuuf labse kun, osoo yeroonsaa hin xumuramin akka ka'uuf erga ji'a darbe manni maree ministeerotaa murteessee booda, Kibxata kaleessaa paarlaamaa biyyattiin akka kaafamu mirkanaa'e.
Labsichi sagalee mormii 63 fi callisa 21n sagalee caalmaan raggaasifameera.
Labsiin kun tibba Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay (TPLF) fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) walta'iinsa uumuun gara magaalaa Finfinneetti dhiyaachuun dhagahametti labsame.
Mootummaan labsii kana kan kaaseef haalli nageenyaa fooyya'uu fi dhiibbaan inni diinagdee biyyaarratti fide hamaa waan ta'eef ta'uu eere.
Rakkoolee yeroo ammaa biyyattii keessa jiran adeemsa nageenya eegsisuu fi seera kabachiisuu idileen sirreessuun ni danda'ama amantii jedhuun labsii kana akka kaase hime mootummaan.
Waraanni mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti gaggeeffamaa ture haga tokko tasgabbaa'ullee, daangaa naannolee Affaar fi Tigraayitti lolli adeemaa jiru ammallee adda hin citne.















