Pembrokeshire: Simbirroonni dhibbaan lakka'aman samiirraa gadi kukkufuun du'anii argaman

Ibsa waa'ee viidiyoo, Shimphirreen dhibbaan lakka'aman lafatti kukkufanii argaman
Maxxanfame

Mandara Weels tokko keessatti simphirreen 200 tahan halkan tokkotti du'anii argaman.

Gosti shimbiraa cuquliisa (starlings) akka tahan himameefi kunniin, bulchiinsa Pembrokeshire kibba-lixa Weelsitti kukkufanii du'aansaanii argame.

Gaazexessaan naannichaa Tom Sinclair: ''Daandii gubbaa simbirroonni 50 ol kan turan wayita tahu, dallaa keessaayis wayita wacan ni dhagahamu ture,'' jedha.

Dhaabbanni bineensota baraaru RSPB gamasaatiin, simphirreen kun tarii bakka itti maandheeffatanitti jeequmsi wayii isaan mudateera jedha.

''Kun halkan keessa wayita isaan mudatu, kallattii wallaaluun waan burjaaji'aniif lafa wajjiin walitti bu'u.

''Haatahu malee, sababa taatee kanaa baruuf qorannoon dabalataa ni barbaachisa.''

Birds dead on a road

Madda suuraa, Pembrokeshire Herald

Bulchiinsi Pembrokeshire cuquliisni 200 daandiirratti du'anii argamuu mirkaneessuun, sababa taatee kanaa akka hin beekne himeera.

Aabba Sinclair dabaluun: ''Akka namoonni natti himanitti yeroo duraatiin bulchiinsi festaala 10n guureera. Boodarras ergan achi gahe booda, dhibbaan kan lakka'aman akka tahan yaade, tarii 1,000's tahuu mala jedhee yaade.

''Galgala keessaa 5:30tti achin ture, hagasittillee samiirraa gadi kufaa turan. Lafa dhawuu isaaniin dura waan du'an fakkaatu.''

Electric cables
Ibsa waa'ee suuraa, Dhiyeenya mandarichaatti utubaan ifaa kan jiru tahus, taatee kanaaf sababa tahuufi dhiisuu garuu hin beekamne

''Maaltu akka mudate beekuu hin dandeenye. Simphirree kana wanti adamsu biraa waan jiru hin sehu. Balali'aa dhufanii miti kan lafa dhahan, du'aniituma waaqarraa kukkufu.

''Tarii summeeffamanii tahaa laata? Moo simbirroota bakkaa bakkatti godaananiifi qorri itti cimee du'anidha?''

Surviving bird

Madda suuraa, Claire Eaton

Ibsa waa'ee suuraa, Shimbirroon muraasni lubbuun hafaniiru

Jiraattuu naannichaa ka taate Kileer Itan halkan keessaa sa'aa 5tti achi geesse.

Waan jettu: ''Garmalee nama jeeqa ture. Simbirroon du'an lafa ciciisu turan. Dhiignis naannichatti faffaca'ee ture. Taatee kana sa'aatii tokkoon dura waan akka balaqqee wahii samii keessa argeen ture.

''Waan akka fiimii sodaachisaa (horror) keessatti mula'tu fakkaata. Akka yaada kootti kuni hojii dhala namaati, namoonni qabeenya bineensotaa keenya kabajuu qabu.''

Kileer shimphirree kukkufan keessaa kan lubbuun hin baane qabdee gara manaa galuun, wayita bari'u gadhiisuuf karoorfatteetti.

Dead birds

Madda suuraa, Claire Eaton

Dead bird

Madda suuraa, Pembrokeshire Herald