Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Seenegaal tokkoo tokkoo taphattoota isheetiif doolaara 87,000 oliifi lafa badhaaste
Seenegaal taphattoota waancaa Afrikaa biyyasaaniif argamsiisaniif mata mataan akkasumas akka garee biyyaalessaattis maallaqaa fi lafa badhaaste.
Sirna simannaa masaraa mootummaa biyyattiitti raawwaterratti pireezidantiin biyyattii Maakii Saal, tokko tokkoo taphattootaaf doolaara Ameerikaa 87,000 fi lafa kennaniif.
Lafti kan kennameef magaalaa guddoo biyyattii Daakaar fi handaara Daakaaritti kan argamtu magaalaa Diyaamniyaadiyoo keessatti.
Pireezdanti Maakii Saal badhaasa biyyattii keessatti kabajaa fi gatii olaanaa qabu- 'Order of the Lion'- jedhamu garee biyyaalessaa wayita badhaasan, miirri gammachuu masaraa mootummaa keessaa fi alaa akkaan mul'achaa ture.
Pireezidantichi taphattoonni isaanii garee biyyaalessaa sadarkaa Afrikaatti olkaasanii mul'isuu fi ''kabaja olaanaa biyyattii boonse gonfachuun olaantummaa uummata biyyattii mirkaneessaniiru,'' jechuun galateeffatan.
Pireezidanti Maakii Saal gameessa garee kana asiin ga'an jechuun leenjisaa garechaa Aliyuu Siisee galateeffataniiru.
''Aliyuu Siisee cimtee kutannoodhaan yoo hojjette waan barbaadde argachuu akka dandeessu nutti agarsiise,'' jechuun injifannoo argame leellisan.
"Miira gammachuu olaanaan guutameera, sababni isaammoo uummati koo waggaa 60f waancaa hawwaa ture,'' jedhan leenjisaan kun gamasaaniin.
Seenegaal tapha xumuraa irratti rukuttaa peenaalitii 4 fi 2n Masrii injifachuun seenaashee keessatti yeroo jalqabaaf Waancaa Afrikaa argattee shaampiyoonaa taate.
Taphichi morkii taphattoota ciccimoo kilaba Liivarpuul Saadiyoo Maanee fi Mohammad Saalaa gidduutti gaggeeffameedha jechuun namoonni hedduun yaada kennaa turan.
Taphi akkaan qalbii namaa hawwate kun gooliin tokko osoo hin galin gara rukuttaa peenaalitiitti seename.
Seenegaal kanaan dura yeroo lama tapha xumuraaf geessee mo'amtee beekti, dhumarratti garuu shaampiyoonaa taatee milkiin galteetti.
Odeessaalee Waancaa Afrikaa kaan: