US'tti qorichi fi qawween hidhamtootaaf dirooniidhan osoo galfamuu irra gahame

Polisoonni Kaawuntii Lee torban darbe kana meeshaa seeraan ala mana hidhaa naannichaatti ergamaa ture tokko to'annaa jala oolchan

Madda suuraa, South Carolina Department of Corrections

Ibsa waa'ee suuraa, Polisoonni Kaawuntii Lee torban darbe kana meeshaa seeraan ala mana hidhaa naannichaatti ergamaa ture tokko to'annaa jala oolchan
Maxxanfame

Sirreeffamtoonni mana hidhaa dhaabbata amala sirreessaa Lee akka karaa seeraa alaatiin wantoonni dhorkaa ta'an hundi galfamaaf jiruu yeroo dheeraaf hin hubatamne ture.

Garuu sirreeffamtoonni qorichawwan sammu hadoochan, karameellaa fi qawwee nama hidhaa Kibbaa Kaarolinaa Bishopville'tti argamuuf dirooniidhaan dhiyeessu.

Amma erga dhimmicha irra gahameen booda namoonni gochaa kana keessaa harka qabu jedhamuun shakkaman 20 to'annaa jala oolfamaniiru.

Taateen dhiheenyaas Dilbata darbe Amajjii 29, 2022 osoo namoonni shan diroonnii gara dallaa keessatti balaliisuuf jedhan qabaman.

Ameerikaa guutuufi bakkeewwan biraattis gochaan dirooniidhaan wantoota seeraan alaa gara manneen sirreessaa galchuun rakkoo guddachaa dhufe ta'aa jira.

Bara 2015 keessa, Biiroon Manneen Sirreessaa Ameerikaa ifatti teknolojii dhimma kana adda baasuu fi dhaabuu gaafatee jira. Bara 2017tti ammoo, mootummaan UK 'rakkoo diroonii mana hidhaa kana dhorkuuf' garee humna qilleensaa addaa hundeesseera.

Qajeelchi Haqaa Ameerikaa torban kana keessaa qaamoolee diroonii seeraan ala galchan irratti himannaa federaalaa baneera.

Akka hogganaan qajeelcha mana sirreessaa bulchiinsichaa jedhaniitti, rakkoon kunis keessattuu Kibba Kaarolinaa bakka torban hunda taateen kun raawwatamuutti olaanaadha.

Dhiyeessiiiwwan halkan keessa dhaabbilee mana sirreessaa Lee keessatti raawwatamanis karameellaa, maallaqa, qorichoota sammu hadoochan, bilbilawwan fi qawwee kan hammate ture.

Qorannoon tajaalilli poostaa seeraan alaa kunis baatiiwwan saddee darban keessa qondaaltoota poolisii Kaawuntii Lee baayyee xiqqoo taatee hojii itti baayyisuun dabarseera.

Kanaanis amma namoonni gara 20 ta'an to'atamuun kontirobaandii, daba yakkaa fi qorcha sammuu hadochan seeraan ala qabachuu kan jedhan dabalate, himannaawwan adda addaa irratti banameera.

Hanaga ammaattis kanneen lama dhiheenyaa dabalatee, dirooniiwwan 12 to'annoo jala oolfamaniiru. Kunis kan hanga ammaa keessaa isa olaanaa ta'u qondaalli poolisii Daani'eel Simoon himaniiru. Kana jechuunis dirooniiwwan kunneen wantoota saamsaman ulfaatoo baachu danda'u jechuudha.

''Kaayyoon keenya guddaan kontirobaandiiwwan gara dhaabbatichaa akka hin seennee dhorkuudha. Keessattuu adeemsa keessa namni kamuu akka hin miidhamne eeguudha,'' jedhaniiru.

Waldhabdeen kontirobaandii irratti uumamu balaa cimaadha. Jeequumsa bara 2018 mana hidhaa Lee keessatti mudatee tureen sireeffamtoonni torba lubbuusaanii dhabanii turan.

Taatee gara biraatiin ammoo, bara 2010 keessa miseensi garee waanbadee mana hidhaa ture tokko bilbila karaa seeraan alaatiin galfameetti fayyadamuun akka hogganaa Kutaa To'annoo Kontirobaandii irratti haleellaan raawwatamuuf ajaje. Sababii kanaan osoo manasaa jiruu yero jaha haleellaan irratti raawwatame ture.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Polisiin suur sagalee garee wanbadee gochaa kanarratti to'ataman gadhiise