Hogganaan CNN sababii hariiroo jaalalaa dhoksaatiin aangoo gadhiise

Madda suuraa, Getty Images
Pirezideantiin CNN Jeef Zaakar sababii hariiroo jaalalaa dhoksuutiin wal qabate ofumaan hojii gadhiisuu beeksiise.
Zaakar hojiisaa akka gadhiisuuf sababa jedhamee kan eerame hojjattuu waajjira saanii keessa turte tokko waliin dhoksaan hariiroo jaalalaa osoo qabanu ifa taasisuu dhiisuu isaati.
Jeef Zaakar gaheessi waggaa 56, ''kana gochuun narra hin turre, dogongoreera,'' jechuun yaadannoo waahillan isaaniif himeen gaabbuu dhugaa bahe.
Haariiroon Jeef Zaakar kunis tibba dhimma gaazexeessaa CNN beekamaa Kiriis Kuumoo hojiirraa ari'ame irratti qorannoon gaggeeffameetti adda bahe.
Obbooleessa quxusuu bulchaa Niiwuyoork duraanii, Andiruu Kuumoo kan ta'e Kiriis Kuumoo miidhaa quunnamtii saalaatiin shakkamuun himatame.
Pireezidantii CNN kan ture Zaakar hoggantoota Ameerikaatti baay'ee olaanoo ta'an keessaa tokko ture.
Akka ergaa guyyaa Roobii hoojjattoota dhaabbatichaaf ergamee fi gabaasaa CNN Brian Stelter'n qoodameetti, Zaakar tibba qorannoo Kuumoo yeroo CNN gaggeeffameetti waa'ee hariiroo jaalala hiriyaasaa waliinii gaafatamu himaniiru.
Kuumoo ammoo yaaliiiwwan obbooleessa isaa nama siyaasaa, kan bulchaa Niiwu Yoork duraanii turan Andriwu Kuumoo irratti himannaan miidhaa quunnamtii wayita dhiyaateetti gargaaruusaatiin qoratame.
Adeemsa qorannoo sana keessaa hariiroon jaalalaa dhoksaa Mr Zaakar irra qaqabame.
Mr Zaakar waahilasaa waliin waggoota 20 ol kan hojjatan yoo ta'u, walitti dhufeenya jaalaalaa kun ''kan waggoota dhiheenyaa keessa umameedha'' jedhan.
Dubartiin inni waliin hariiroo jaalalaa qabaachuun himatame Oliisan Golast dhaabbaticha keessatti hojii raawwachiiftuu itti aantu fi itti gaafatamtu Maarkeetiingi turte.
''Wayita hariiroo jalaalaa jalqabnuutti himutuu narra ture. Sana hin goone. Kanaafu fedhii kiyyaan hojiikoo gadhiiseera,'' jedhan Jeef yaadannoo waahilan isaaniif dhiisaniin.
Hariiroon Oliisan waliin qabaatanis waggoota lamaf akka ture amananiiru.
Oliisan ganasheetiin kan wal beekan waggoota 20 oliif ta'u kaasuun, ''waggoota dhihoo keessa garuu gara hariiroo jalaalaa keessa seenuuf, kanas ta'ee beeksiisuu osoo qabnu kana gochu dhiisuu keenyaaf gaabbeera,'' jette jirti.
Hojjattoota miidiyaa tokkoo keessatti hariiroon jaalalaa wayita umamuutti ifa akka taasisan gaafatama. Kunis gaaffiiwwan walabumaa fi walitti bu'iinsa dantaa waan kaasuufidha.
Jeef wayita hojii gaggeessaa CNN turaniitti Oliisan ammoo hojii gaggeessituu Yunivarsaal CNN turte.
Bara 2012tti ammoo Oliisan bulchaa Niiw Yoorki duraaniifi kan amma himannaa miidhaa saalqunnamtii beekamaa Andiriwu Kuumuuf Daarektara Sabaa himaa Ummataa turte.
Haata'u malee hojii sanarra erga baatiiwwan afuriif qofa turteen booda hojiishee gadhiisuun CNNtti mindeeffamte.
Mr Jeef Zaakaar gamasaanitiin CNNtti kan makaman bara 2013tti ture.
Tibba hoggansa isaaniitti CNN hordooftoota seenaa keessatti argatee hin beekne argachu danda'ee ture.
Keessatti okkoora Kaapiitool Hiil Ameerikaa kan bara 2020 hordofee, CNN Ameerikaatti hordoftoota baayyee argachuun riikardii cabsee ture.
Haata'u malee erga waggoota dhihootiin asi garuu gadi debii'uun sadarkaa hordoftoota gadaanaa irra gaheera.
CNN hordoofni inn bara darbe baatii Amajjii keessa qabu kan bara kanaa waliin wal biratti yoo ilaalamu %90 gadi bu'eera.
Bara Jeef Zaakaariitti CNN haguuggii odeessaalee pirezidaantii Ameerikaa duraanii Doonaald Tiraampiif kennuun qeeqamaa ture.
Haata'u male dhaabbilee miidiyaa Donaald Tiraampi loogii qabu jechuun himatu keessaa CNN toko ture.
Jeef Zaakar osoo gara CNN hin dhufiin dura ittigaafatamaa NBC turan.













