Ayi'aa Naapaa: Dubartiin gareen gudeedamuu sobde jedhamuun himatamte ol iyyannoon mo'atte

Shamarree fuulashee mana murtiitti haguuggattee jirtu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartii Biritish sobaan himannaa dhiyeessite jedhamuun himatamtee ture amma dhimmicha mo'atte
    • Barreessaa, Kaarolaayin Lowbriijiin
    • Gahee, BBC News irraa
  • Maxxanfame

Dubartii Biritish kanaan dura Saayipres keessaatti garee wanbadeetiin gudeedamuu gabaafte soba himatte jedhamuun himatamte, ol iyyachuun dhimmicha mo'atte.

Shamarreen umuriin waggaa 19, garee dargaggoota Israa'el 12 fi ijoollee dhiiraatiin Ayi'aa Naapaa keessatti gudeedamuu kan poolisii Saayipirasitti gabaafte Hagayya 2019 keessa ture.

Shamarreen tunis erga abukaatoo malee tursiifamteen booda himannaa ishee kaafte. Kanaan walqabatee himatamuun ummata sobde jedhamuun himannaan irratti banamuun itti murtaa'e.

Murteen kunis Mana Murtii Olaanaa Saayipirasiin geeddarame. Dhimmi shamarree tanaas qaamoolee mirga dubartiitiif falmaniin dheekkamsa kan kaase yoo ta'u, gaafa Wiixata osoo murteen kun hin dabarfamiin duras mana murtii fuulleetti walitti qabamanii turan.

Ol iyyannoon shamarree tanaatis fudhatama argachuun himannaa ummata sobde jedhu geeddare.

Gaggeesstoota duula mirga dubartootaa fuullee Mana Murtii Olaanaa fuldura dhaabbatanii

Madda suuraa, Anna Holligan/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Gaggeesstoota duula mirga dubartootaa fuullee Mana Murtii Olaanaa fuldura dhaabbatanii

Shamarreen wayita ammaa kanaatti umuriin ishee waggaa 21 ta'e tunis, amma waan abbaa seeraatiin diigameefuu rhidhaa baatii afurii jalqaba itti murtaa'ee irraa bilisa taatee jirti.

Haata'u malee, abukaatoo Mikaa'eel Poolaak garee Jeestii Abrood irraa, maqaan shamarree tanaa akka qullaa'uuf murteen kana duraa akka garagaruuf akka barbaaddu dubbatan.

Amma maatiin miidhamtuu tanaa gama saanitiin akka isheen ''haqa dhugaa'' argattuuf himannaan gudeeddii isheen dura dhiyeessitee turte akka qoratamuuf gaafatan.

'Ifatti kan haqa-qabeessa hintaane'

Mr Polaak, himannaa shamarree tanarratti dhiyaatee irratti ol- iyyannoo kan qindeessitee, shamarreefi abukaatoon maatiin ishee tibba dhaddachaatti ''miira nama gatii hinqabneetiin akka keessuummeefaman'' iyyaa akka turan dubbatan.

''Yeroo hundaa maamilti teenya haala haqa qabeessa ta'een akka keessummeefamaa hin turre itti fufiinsaan himaa turre. Manni Murtii Olaanaa Saayipiras ammoo har'a kan nuti jenne waliin waliigale,'' jedhe.

"Dhimma kana keessattis keewwanni haqa himannaa barbaachisaan haqni akka hin dabne dhorkuuf kaa'ame guutummaatti dhiifameera.

"Shamarreen guddattuu fi miidhamtuun tunis wayita gudeedamuushee poolisiitti gabaafteetti baayyee haala hin taaneen keessummeeffamte. Booda ammoo adeemsa dhaddachaa haqa-qabeessa akka hin turre amma Mana Murtii Olaanaatiin hubatame keessa dabarfamte.''

Mr Poolaak akka jedhanitti, abukaatoon ishee dubartii akka dhimmi kun dhimma gudeedamuu ta'e ragaa qabdu dhiyeessuuf osoo yaaltuu, abbaan alangaa dhaddachaa garuu yoo xinnaate yeroo torba ''kun dhimma gudeedamuu miti'' jechuun iyyuusaanii dubbatan.

Mikaa'el Polaak mana murtiin alatti

Madda suuraa, Anna Holligan/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen seeraa dubartiitti hidhammaa gudeeddii kan jalqabaa sanaaf akka qorannoon gaggeeffamu gaafataa jiru
line

Dhaddacha mana murtichaa kesssatti akkuma murteen kun dubbifameen namoonni kolfuufi wal hammatanii gammachuusaanii ibsachuu eegalan. Abukaatoon ishees achuma mana murtichaa fuulduratti murtee keenname ''dinqiisiisaa'' akka ture gabaastuun dhimmoota mana murtii BBC Anaa Hooligaan himtee jirti.

Guyyootuma muraasa keessatti barattuun Biritish tun miidhamtuu irraa gara himamtuutti kan geeddaramte turte.

Tibba dhaddachaattis shamarreen miidhamtuun tun yoo qorannoowwan qaxxamuraa hedduu taasifamuufin arge. Akkasumas abbaan seeraa himannaa gudeeddii dhiyaatee irratti ragaa kamuu dhagahu dide. Gareen seeraa ishees mormii akka haqa sirrii hin arganne jechuun dhiyeessaniin milkaa'aniiru.

Haatii shammarree tanaa kan mana murtichaa keessatti ishee gargaaraa turtes, miidhaan intala ishee yoo xinnaate haala yakkamtuu miidhamtuutiin jijjirama jajjabeessaa tahe argamsiiseera jedhan.

Milkaa'uun ol-iyyannoo kanaa ammoo aanga'oonni Saayipiras attamiin dhimma jalqabaa akka ittiin keessumeessan kan saaxileedha.

Roggeeyyiinis injifannoo hadhaawwaa-gaariidha jechuun ibsan. Maatiin ishees haqni dhugaaf hojjatamu qabaataa jedhan. Kanaafu himannaan gudeeddii sun haalaan qoratamuu qabas jedhan.

Rooggeeyyii mirgaaf falman ala mana murtiitti Amajjii 21, 2022

Madda suuraa, Anna Holligan/BBC

Dhiiroonnii Israa'eel taatee kanaan walqabatee to'atamanis kanneen umuriinsaanii waggaa 15-20 jidduutti argamu ture yeroo sana. Isaanis balleessaa omaatu akka hin qabne waan himaniif gadhiifamuun gara manaatti deebiifaman.

Shamarreen tun gara Amajjii 2020 keessa itti murtaa'uun battalumatti gara UK deebite. Booda ol-iyyannoon dhimma kanaa Mana Murtii Olaanaa Sayipirasitti Fulbaana 2021 ilaalame.

Murtee baatiiwwan afuriifi walakkaan booda darbe kanaan booda kan dubbatan Mr Poolaak: ''Kunis maamiltuu teenya yeroo adeemsa dhaddachaa akka biyyasheetti hindeebineef yeroo dheeraa jalaa fudhatee keessattillee, qulqullina ishee himaa turte qofaaf osoo hin taane, kanneen biraa addunyaa guutuutti haala walfakkaatu keessa darbaniif taatee gaariidha.''

Presentational grey line