Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaa konkolaataa aanaa Baakkoo Tibbeetti dhaqqabeen lubbuun namoota sadii darbe
Balaa konkolaataa godina Shawaa Lixaa aanaa Baakkoo Tibbeetti Jimaata kaleessa mudateen lubbuun namoota sadii darbuu komunikeeshiniin aanichaa BBCtti hime.
Balaan kun magaalota xixiqqaa aanicha keessaa Tibbee fi Shoboka jedhaman gidduutti kan qaqqabe yoo tahu, konkolaataa fe'umsaa lamatu walitti bu'e.
Komunikeeshiniin aanichaa irraa akka odeeffannetti Konkolaataan wal harkisu abbaa gommaa 10 tokko dhagaa cilee Wallaga irraa fe'uun gara Finfinnee deemaa ture.
Konkolaataan biraa abbaa gommaa kudhanii tahe ammoo Finfinne irraa ashaboo fe'ee gara gadiitti deemaa ture. Osoo imala irra jiranii Shobokaa fi Tibbee magaalota jedhaman gidduutti riqicha irratti walitti bu'uun lubbuun namoota sadii darbe jedhe ogeessi waajjirri komunikeeshinii aanichaa Obbo dagguu Shoonee.
''Konkolaataan lamaanis gubataniiru. Reeffi nama tokkoo erga gubatee yoo baafamu, kaan gubatamaniima waan dhumaniif homtuu hin argamne'' jedhe Obbo Dagguun.
Akka odeeffannoo argannetti yoo tahe konkolaatotni walitti bu'an waan gubatanii dhumaniif lakkoofsa gabatee isaaniillee yeroo balichi gahetti adda baasuu hin dandeenye.
Kana qofa osoo hin taane eenyummaa konkolachiftootas baruun rakkisaa akka ture himan. Kunis sababa waraqaan eenyummaa fi ragaaleen isaanii walumaan gubataniif.
Lubbuu namaa akka hin oolchineef ammoo balaan abiddaa mudate akka malee hamaa waan taheef nama ofitti hin butu ture, jedhan.
Sababni balaa kanaa saffisa humnaan olii akka tahes eeraniiru.
Qabeenyi gubatee manca'es hammam akka tahuu danda'u tilmaamuun rakkisa akka ture Obbo Dagguun BBCtti himaniiru.
Uummatni bishaanii fi biyyee itti guuruun akka balaan abiddaa sun hin bababl'anne ittisa turan odeeffanne. Daandii asfaaltiis akka adda hin kutneef ittisa gochaa akka turan himaniiru.
Godina Shawaa Lixaatti balaan konkolaataa irra dedeebiin dhaqqabuun lubbuu namoota hedduu akka galaafatu yeroo baay'ee ni dhagahama.