Lammiin US, IS keessatti garee dubartootaa hooggantu to'atamte

Maxxanfame

Dubartiin lammii Ameerikaa IS keessatti garee waraanaa addaa guutummaatti dubartoota of keessaa qabu ijaaruufi hoogganuun himatamte to'annoo jala oolte.

Alisan Fileek Ekren kan US, Kaansaas keessa jiraachaa turte dubartootnifi daa'imman meeshaa waraanaa AK-47 akkamiin dhukaasuu akka danda'an fi akkamiin meeshaa of wareeguu akka hidhatan Siiriyaa keessatti leenjisaa turte jedhamti.

Kaampasii kolleejjii US keessatti haleellaa shororkeessummaa raawwachuuf namoota raawwatan dhoksaan qacaraa turtee jedhamuunis shakkamte.

Dubartiin haadha ijoollee taate kun himannaawwan kanaan yoo ragaan irratti argame hanga waggaa 20 hidhaan irratti muramuu mala.

Odeeffannoon dubartii kanaa gama FBI qophaayee ture Sanbata darbe gara US'tti erga deebifamtee ifa godhame.

Akka ragaa kanaatti dubartiin kun bara 2016 Islaamiik Isteet keessatti garee addaa dubartoota qofarraa ijaarame ''Khatiba Nusaybah'' jedhamu Siiriyaa keessatti hundeessiteetti. Bara san Siiriyaan akka teessoo garee Islaamik Isteetitti gargaaraa turte.

Miseensonni garee dubartootaa addaa kun hunduu dubartootaa IS ta'anii warra miseensotuma dhiiraa IS heeruman turan.

Lammiin US kun erga garee kanatti jalqabatti makamtee garee kana ijaaruufi hoogganuun shakkamti.

Gahee inni guddaan dubartii kanaa dbartoota miseensa ta'an biroo akkamiin duunota IS ofirraa qolatan barsiisuudha jedhamee himama. Dubartoota hedduus meeshaa waraanaa adda addaan leenjisteetti jedhama.

Akka ragaan FBI agarsiisutti ijoollee dhiiraa Fileek keessaa tokko umrii ganna shaniifi jahatti meeshaa waraanaa guddaa baatee akka mul'atu nama ijaan argeera jedhurraa iyyaafateera.

Dubartiin kun US keessatti koollleejjiiwwaniifi manneen daldalaa gurguddoo haleeluuf fedha qabdurraa kan ka'e miseensota qacaraa akka turtee fi haleellaa kanaan namni hedduun hin dhumu yoo ta'e qabeenya qisaasuu nutti ta'e jettee dubbachaa akka turte namni dhiyeenyatti beekuun dhugaa bahuu ragaan FBI ibseera.