Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hogganaaan dhimma maallaqaa IS qabamuu Iraaq ibsite
Iraaq hogganaa dhimma maallaqaa Islaamik Isteet tarkaanfii daangaa biyyasheen alatti fudhatameen qabamuu beeksiste.
Saami Jaasim al-Jaburii jedhama, dhaabbata basaasaa Iraaqin qabamee hidhamuufi ibsame.
Iddoo inni itti hidhamee jiru otoo hin ibsiin Ministirri Muummee biyyattii Mustafaa al-Kadhimi tiwitara isaanii irratti barreessan.
Aab Jaasim maqaa Hajji Hamiid jedhuun kan beekamu, Abubakar al Bagidadi jalatti hogganaa ittaanaa IS ture.
Ameerikaan nama odeeffannoo Aab Jaasim akka qabamuuf gumaacheef doolara miliyoona shan kennite.
Marsariitiin FBI 'Rewards for Justice' jedhu Aab Jaasim ''akka tarkaanfii shororkeessummaa IS gaggeesaa ture maallaqan hogganutti''maqaa isaa eere.
Itti dabaluun, Aab Jaasim gareen IS bara 2014 Iraaq fi Siiriyaatti lafa erga qabatanii booda''seeran ala boba'aa, gaazii, hambaalee duriifi albuudota gurguruun galii akka argatan''qindeesse ture jedhe.
Miidiyaan biyyattii 'Iraq's Security Media Cell' akka jedhetti, hogganaa IS haaraa Amiir Mohaammad See'id Abdul Rahmaan waliiinis walitti dhiyeenya qaba.
Amiir Mohaammad al-Bagdaadin Siriiyaatti bara 2019 adamoo loltoota Ameerikaatiin iddoo inni dhokatetti taasifame hordofuun of ajjeesu isaatu yaadatama.
Ministirri Muummee Kaadhimiin iddoo Aab Jaasim itti qabame hin ibsine.
Qondaalli waraana gameessi Iraaq AFPtti akka himanitti kan qabame Tarkiiitti.
Qondaaltonni Tarkii garuu amma yoonatti gabaasa kanarratti yaada hin kennine.
Jalqaba bara kanatti Ittaanaa hoggaanaa IS kan biraa Jaabir Salman Salih al-Isawi jedhamu mootummaan Iraaq ajjeesuu beeksisee ture.