Hidhattoonni IS mana hidhaa Sooriyaa cabsuun waahillan isaanii miliqsuuf turan harka kennatan

Maxxanfame

Siiriyaa keessatti humnootiin Kurdishiin hogganaman sochii mana hidhaa torban darbe milishoota garee Motummaa Islaamaa (IS)n to'atame qulleessuuf taasisaa jiruun milishoonni dabalataa 250 harka kennachu beeksiise.

Guyyaa Wiixata ammoo wayita komaandoowwan Humnootiin Dimokraatik Sooriyaa (SDF) kan US deeggaraman mana hidhaa Kaaba Baha biyyattii magaalaa Haasaakaatti argamtu marsaniitti, yoo xinnaate milishoonni 300 harka kennachuun gabaafamee ture.

Ammalleen eegdoota mana hidhaafi daa'imman hedduun mana hidhichaa keessatti milishootaan ugguramanii akka jiran amanama.

Milishoonni garee IS guyyaa Kamisaa darbe ture mana hidhaa to'achuun miseensotaasanii keessatti hidhamanii turan miliqsuuf yaalanii kan ture.

Wal waraansa gaggeeffameen shakkamtoota milishootaa 114 fi miseensoota humnoota Dimokraakti Sooriyaa 45 dabalate, namoonni 160 ajjeeffamu To'ataan Mirgoota Namoomaa Sooriyaa UKtti bu'uurreeffate himeera.

UN gamasaatiin jiraattoonni magaalaa Haasaakaa gara kuma 45 ta'an wal dhabdee umamee hordofuun magaalattii gadhiisuun baqataniiru.

Torban darbeen dura manni hidhaa Ghwayran namoota 4,000 fi ijoollee dhiiraa humna Dimokraatik Sooriyaatiin hindhaman keessatti argamu.

Erga milishoonni Kamisa alkaan keessa dhaabbaticha irratti haleellaa bananii booda hidhamtoonni hedduun miliquun hinmameera.

Mana hidhaa sana deebiisanii harka milishoota IS fudhachuuf waraanni cimaan kan gaggeeffame yoo ta'u, gamtaan waraanaa USn hogganamu haleellaa xiyyaaraa raawwachuun SDF dhaaf deeggarsa konkolaatawwan sibiila uffatan taasiseeffira.

Alkan Wiixata ammoo komaandoowwan SDF kutaalee mana hidhichaa bakka milishoonni IS dhiibbaatamniifi namoonni ukkaamfaman keessatti argaman marsuun deebiisanii to'achu yaalan.

Milishoonni kunneenis ijoolleewwan dhiiraa warri saanii milishoota IS ta'uun shakkamanii yeroo dheeraaf kaampiiwwan hidhaa keessa turan gara 700 kanneen umuriinsaanii waggaa 12 fa'i keessatti argamaniifi duraan gara maan hidhaa kanatti dabarfaman akka qabatan amanama.

SDF yeroo baayyee IS daa'imman akka ''dahannoo namaatti'' fayyadama jechuun kan himatu yoo ta'u, Waajjirrii mirgoota namoomaa UN nageenyiifi fayyummaan daa'imman kanneenii baayyee yaada'u hime.

Lammiin Awustiraaliyaa kan umuriin waggaa 17 ergaa sagalee mana hidhaa sana keessaa dabarseen, haleellaa qilleensaa raawwatameen mataasaarra miidhamuu himuun deeggarsa wallaansaatiif iyyachutu dhagahame.

''Baayyee sodaataan jira. Fuuldura kiyyatti namoota baayyeetu du'e,'' jedhe. ''Sababiin dhiigaa jiruuf yoomiyyuu du'uun danda'a jedhee sodaataan jira. Maaloo na gargaaraa,'' jedhe.