Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Sooriyaatti gareen IS mana hidhaa cabsee seenuu hordofee walitti bu'insi uumame
Hidhatoonni gareen Islaamik Isteet (IS) mana hidhaa to'annoo humnootii Kurd jalatti argamu keessaa sirreeffamtoota baasuuf cabsee seenuu isaa hordofuun Kaabaa Baha Sooriyaatti warana cimaan gaggeeffameen yoo xinnaate namoonni 70 ajjeeffaman.
Humnootiin Kurd kan humna qilleensaa Ameeriikaatiin deegarames Kamisa darbe irraa eegalee magaalaa Haasaakaatti hidhattoota waliin wal waraanaa jiru.
IS waggoota sadiin dura Sooriyaa keessaa erga mo'ameen booda haleellaan amma mana hidhaa Giwaayiraan irratti raawwate kun isa olaanaadha.
Manni namoonni baayyeen keessatti hidhamanii jiran kunis aanga'oota IS tokko tokko dabalatee shakkamtoonni miseensoota garichaa 3,500 ta'an keessatti hidhamanii akka argaman gareen hordoffii tokko ibse.
Jahaadistoonni mana hidhaa cabsanii seenan dhibbaan lakkaa'aman to'annoo jala kan oolfaman yoo ta'u, kaan isaanii ammalleen baqachaa jiraachuu dhaabbanni Mirga Namoomaa Sooriyaa hordofu beeksiiseera.
Humnootiin nageenya Kurd mana hidhaa marsuun gandoota dhiheenyatti argaman to'achuuf lolaa kan jiran yoo ta'u, jiraattoonni manasaanii gadhiisuun baqataa jiru.
Dhaabbanni Mirga namoomaa Soriyaa hordofu akka jedheetti, yoo xinnaate himnootii nageenyaa Kurd 28, namoonni nagaa 5 fi miseensoonni gare hidhattootaa IS 58 ajjeefaman.
Haaluma walfakkaatuun ammoo gareen IS warraabbii suursagalee Sambata kaleessaa Amajjii 22, 2021 gadhiiseen, mana hidhaa sana cabsanii seenuun haleellaa raawwataniin miseensoonni hedduun miliiqusaanii ibseera.
Akkasumas, viidiyicha irratti gareen hidhattootaa kunneen namoota hedduu akka ugguran agarsiisa.
Miseensoonni garee IS fi haadhooliin warraa saanii mana hidhaa namoonni baayyeen Sooriyaa keessatti itti hidhaman cabsanii seenuu kan waggoota dheeraaf yaadaa turaniidha.
Gareen IS bara 2021 keessaa duula ''gamoo diiguu'' jedhuu Iraaqi keessatti banee ture. Dulli sunis tarkaanfii garee kanaaf jijjirama olaanaa fiduu danda'e godhamee fudhatama.
Haata'u malee bulchiinsa Haasaakaatti mana hidhaa cabsanii seenuun bu'aa walfakkaataan ni argama jedhamee hin yaadamu, sababii eddoowwan IS to'atu baayyee xiqqaa ta'eefu.
Ta'us yaaliin amma garichaan taasifame kunis garichi ammalleen dandeettii olaanaa qabaachu isaa kan agarsiisuudha jedhameera.
Gamtaan USn durfamu haleellaa qiilleensaa raawwachu isaa Peentaagoon mirkaneesseera.
Dubbii Himaanaa Iseteetti Dippaartimantii Need Piraaysi, ''dandeettii cimaa'' gamtaa leellisuun IS waggoota dharbanii kaasee mana hidhaatii milishoota miliiqsuuf yaalaa ture jedhan.
Jaarsooliin naannichaa Rooyitarsiitti akka himaniitti, wal dhabdee Hawaasa Arabaa fi bulchiinsa Kurishiin hogganamu kan loogii taasiuun himatan, jiduutti umamee hordofee naannicha keessatti deeggarsi IS'f taasifamu dabalaa jira.
Haata'u malee Humnootiin Dimokraasii Sooriyaa Kurdishiin hogganamuu kana hin fudhatan.
Mana hidhaa Kaaba-Baha Sooriyaatti argamuuf to'annoo Kurdish jalatti argamu kana keessatti milishoonni IS kanneen biyyoota 50 ol irraa ta'an kumaatamaan lakkaa'aman akka argaman himama.