Duuti mucaa Chaayinaa maatiin isaa 'ala lama isa gatanii' dheekkamsa kaase

Suuraa Weibo irraa fudhatame

Madda suuraa, Liu Xuezhou/Weibo

Ibsa waa'ee suuraa, Seenaan mucaa waggaa 17 kun kan xiyyeeffannaa biyyattii keessa gale wayita maatii isa dhalan barbaacha viidiyoo maxxansee ture kaaseeti
Maxxanfame

Dargaggeessi lammii Chaayinaa wayita daa'ima ture warra isaatiin nama biraatti gurguramee booda guddatee yeroo of baru maatii isa dhalan iyyaafatee argatus ofitti siksuu didanii jennaan of ajjeese.

Dargaggoo Luu Xuezhou Wiixata darbee ture bulchiinsa Haayinaan keessatti of ajjeesuun isaa kan gabaafame.

Oduun du'a dargaggoo kanaa lammiilee Chaayinaa hedduu kan gaddisiiseefi kan dheekkamse ture.

Seenaa mucaa waggaa 17 kanaa jalqaba xiyyeeffannaa hawaasaa kan argate wayita inni maatii isa dhalan barbaacha akka isa gargaaraniif waraabbii viidiyoo midiiyaa hawaasaarratti maxxanse ture.

Akka gabaasa miidiyaalee biyya keessaatti, Luu bara 2005tti warra isa dhaleen maatii biraatti gurguramuun gara biraatti fudhatame.

Haata'u malee, warri isa guddifatan booda balaan waan jalaa du'aniifu jireenyasaa guutuu akkawoofi firoota maatii isa guddifatanii biratti dabarse.

Muddee 2021 keessa maatii isa dhalan qoratee bira gahuu danda'ee ture. Haata'u malee, wayita inni karaa intarneetiin qorachuu eegaleetti, abbaafi haati isa deessee addaan bahuun gaa'ela biraa dhaabatanii turan.

Jalqaba abbaafi haadha isaa bakka jiran dhaquun gammachuu walitti makamusaaniifi booda keessa erga akka isa gargaaraniif gaaffii dhiyeesseefiin booda, dubbiin baduu miidiyaa hawaasaa irratti barreesseera.

Luu akka jedhetti, nama isa gargaaru waan hin qabneef jecha yoo isaan waliin jiraachuu kan danda'u ta'u ykn ammoo mana kireeffachuuf ykn bituuf kan danda'an ta'e gaafachuu hima.

Haata'u malee, warri isa dhalan sababii gaaffii isaa kanaatiif jecha isa waliin haasa'uu dhaaban. Keessattuu, haatiisaa akka midiyaa hawaasaa WeChat jedhamuun ishee ergaa hin ergineef uggurushee himee ture.

Maatiin isaa garuu kana ni haalu. Haatiisaa ''Luu mana akkan biituuf na dirqisiisee. Ani ammoo dandeettii hin qabu,'' jette.

Luu ammoo booda keessaa maatiin isa dhalan waan gataniif himannaan irratti bana jechuun Weibo irratti maxxansee ture.

Maxxansa kanaan wal qabatees namoonni hedduun akka isa balaaleeffataniifi abaaran barreesse ture.

Haata'u malee, halkan walakkaa guyyaa Wiixataa Amajjii 24, 2022 Luu barreeffama dheeraa tokko Weibo gubbaatti maxxanse. Barreeffamichi taateewwan jireenya isaa keessatti isa mudataniifi attamiin namoonni karaa intarneetiin isa akka miidhan ibsa ture.

''Nama hedduun waamamu dandamadheen ture,'' jedha. Akkasumas, maatii isa dhalaniin ''yeroo lama gatameera'' jechuun waan itti dhagahame barreesse.

Sarara barreeffama isaa dhumaa irratti ammoo, ''lubbuu kiyya kana xumura ittin godha'' jechuun akka of ajjeesuu barbaadu himee ture.

Barreeffama kanaan boodas namoonni akka tarkaanfii of irratti hin fudhanneef kadhachaa turan. Akkasumas, namoota dhiyeenya inni jiraatuutti bilbiluun akka isa barbaadaniif gaafataa turan.

Haata'u malee, adaadoon isaa akka of ajjeesse miidiyaa naannoo sanaatti himte.

Akkuma inni ergaa sana intarneetii irratti maxxanseen sa'aatiiwwaniin booda barbaachi dhaqamee gara hospitaalaatti geeffamullee, Wiixata gara barii keessa lubbuun isaa darbuu adaadoon isaa himan.

Erga Luun of ajjeesuun dhagahameen booda, yaadawwan karaa intarneetiin kennameef ilaalchisuun namoonni hedduun aariisaanii ibsaniiru.

''Arrabsoon karaa intarneetii (cyberbulliing) inni keessa darbee akka mucaa daa'imaatti dandamachuuf baayyee cimaadha. Kanarratti daa'ima qofaasaa jirudha,'' jedhan namni yaada kennan tokko.