'Wixineen labsii gabatee konkolaataa naannoo hambisu paarlaamaaf qajeelfame oduun jedhu soba' - Kaasahun Gofee

Maxxanfame

'Wixineen labsii gabatee konkolaataa naannoo hambisuu gara paarlaamaatti qajeelfameera' jechuun oduun miidiyaa hawaasummaarratti gadi dhiifamaa jiru odeeffannoo dharaatii ta'uu Deetaan Ministeera Geejjibaafi Loojistikii Obbo Kaasahun Gofee himan.

Gaazexaan Rippoortar 'wixineen labsii gabatee konkolaataa naannoo hambisu gara paarlaamaatti qajeelfame' jechuun fuula isaa jalqabaarratti Dilbata Amajjii 23, 2022 baaseen gabaasee ture.

Gaazaxeen kun gabaasa isaa keessatti gorsaa Ministeera Geejibaafi Loojistikii Obbo Abajjee Maammoo waabeefachuun ture kan gabaase. Obbo Kaasahun Gofee ammoo fuula Feesbuukii isaanii mirkanaa'erratti akkas barreessaniitti: "Oduun Gabateewwan [konkolaataa] adda baasuu naannoo qaban kan hambisu wixineen labsii gara paarlaamaatti qajeelfameera jedhu sobadha." Deetaan Ministiraa kun Manni Maree Ministeerotaa kora idilee isaa afraffaatiin wixinee labsii geejjiiba daandiirratti galtee barbaachisaa itti dabaluudhaan akka raggaasifamuuf gara mana maree bakka bu'oota ummataatti qajeelchuu isaa yaadachiisaniiru. Haata'u malee, qabiyyee labsiichaatiin alatti miidiyaalee hawaasummaa gara gara irratti adda baasuun gabateen konkolaataa naannoo akka jijjjiramu wixineen labsii taasisu gara paarlaamaatti akka qajeelfame oduun ibsu gabaafamaa jiraachuu mirkaneeffanneerra jedhan aanga'aan kun.

"Jalqabarratti odeeffannoon kun dogoggoraafi qabiyyee wixinee labsichaatiin ala akka ta'e beeksisuun barbaada," kan jedhan Obbo Kaasahun, "Wixinee labsii kana waliin waraqaan gaggeessituu tarreeffama gabatee naannolee labsii kanaan dura turan muraasni kan dhiyaateefis mootummaan naannoleen haara yeroo bahanitti yeroo yerootti foyyeessuu osoo hin barbaachisiin hojiirra oolchuu akka danda'amuufidha.

Kun kana ta'uu beekamee yaadaafi qabiyyee wixinee labsii gabatee konkolaataa adda baasan naannoo irraa kaasuu akka hin taane beekamuu qaba," jehan.

Wixineen labsii geejjiba daandii ilaalchisuun, qaamoleen raawwachiiftuu federaalaafi naannoo, aangoofi hojii kenname bifa wal-dhahaa ifatti kan kaa'u ta'uu isaatiin olitti, "Gahee tajaajilli geejjiba daandii guddina dinagdeefi hawaasummaa biyya keenyaatiif gumaachu caalaa guddisuudhaaf seektarri kun amansiisaa, qindaawaa, ammayyaawaafi nageenyi isaa kan mirkanaa'e ta'ee akka gaggeeffamu kan dandeessisudha.

''[Wiixneen kun] yeroo dhiyootti mana maree bakka bu'oota ummataatiif dhiyaatee qaamoleen dhimmisaa ilaallatu waliin marii erga gaggeeffameen booda fooyya'insi barbaachisu taasifamuun akka raggaasifamu eegama," jedhan Obbo Kaasahun.