Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
fayyaa: Lammileen Ertiraa guyyaa tokkotti dhukkubsataa kaansariif $500,000 walitti buusan
Lammileen Ertiraa biyyoota alaa jiraatan lammii Ertiraa biyya alaatti imalee kaansarii dhiigaaf wal’aansi isa barbaachisuuf doolara Kanaadaa 700, 000tti dhiyaatu guyyaa duulli deeggarsa walitti qabuu eegalametti walitti buusaniif.
Maallaqichi namticha maqaan isaa Yoonas Tsaggaayee jedhamuuf kan sassabame yoo ta’u, deeggarsa walitti qabuun kan eegalame karaa marsariitii ‘GoFundMe’ jedhuun ture.
Lammii Ertiraa Kanaadaa jiraatu Maabiraatu Hidrayi jedhamutu deeggarschi akka sassaabamuuf eegale.
Viidiyoo duulaa deeggarsaa kanaan wal qabsiifameerratti Obbo Yoonaasi fi maatiin isaa mandara Kibba magaalaa Asmaraatti argamtu keessa jiraatan haala keessa jiran himatan.
Viidiyoo kun Obbo Yoonas dhibamaa ykn dhukkubsachaa jiraachuu ifatti agarsiise. Haatii warraan Obbo Yoonas ijoollee ishee jahaan marfamtee, erga dhibamee waggaa guuteera jette.
Qondaaltonni Ertiraa biyya hambaatti akka wal’aanamu itti himan. Haa tahu malee, maatiin isaa maallaqa ittiin yaalchisnu hin qabnu jedhan. Ijoolleen isaaniis warra gargaaruuf jecha guyyaa kaan barnoota isaaniirra hafu .
Toorri miidiyaa bashannanaa Ertiraa keessa maandheffatefi Yuutiyuubii irratti tamsa’u ‘Henpas’ jedhamu deeggarsa taasiseen maatiin kun gama ‘GoFundMe’ birmannaa argatan.
Dhalattonni Ertiraa biyyoota hambaa jiraataan battaluma sana gargaaruu eegalan.
Sa’aatiiwwan 12 gara jalqabaatti doolara Kanaadaa 350,000tu walitti qabame ykn buufame. Doolara Kanaadaa 400,000 walitti qabuuf galmi kaa’ame bira darbameetu, doolara 600,000 sassaabuuf galmi haaraan kaa’ame. Namoonni 11,700 erga maallaqa arjoomanii booda galma kaa’ame kana biras darbameera.
Namoota deeggarsa walittii qabuuf tattaafataa turan keessa tokko kan ta’e Yooseef Worqee BBC Afaan Tigireetti akkas jechuun hime: ‘’Deebii saffisaa akkasii argee hin beeku,’’.
Yooseef akka jedhutti namoonni hedduun deeggarsa Yoonaas gaafateetti qalbiin isaanii booji’amee birmataniifii jiru.
Obbo Yoonaas kaansarii dhiigaa’’ heddu baratamaa hin taane’’ jechuun Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa UK dhibee waamu ‘Hodgkin lymphoma’ jedhamuun beekamuun rakkataa ture.
Kaansarii dhiigaa kana harka caalu haala milka’aa ta’een keemikaalaa qofaan ykn keemimalaafi carallaa raajiitiin wal’aanuutu danda’ama.
Mallattoo dhibichi agarsiisu keessaa ijoon immoo xannachoonni liimfii otoo miira dhukkubbii hin qabaatiin morma jalatti dhitahudha.
Akkasumalle xannachoonni liimfii kun morma jala, bobaa fi tafa irratti argamani irratti dhiita’uu malu.