Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Taphataan teenesii beekamaan Jookovich Awustiraaliyaatii baafamuuf
Taphataan Teenesii beekamaan adunyaa lammii Serbiyaa tahe Novaak Jookoovich erga falmii mana murtii irratti mo'amee Awustiraaliyaa keessaa baafamuuf.
Mootummaan viizaa taphattoota talaalii koroonaavaayirasii hin fudhannee kennuu dhaabnaan abbootiin seeraas ol iyyannoo Jookovich jalaa kuffiisan.
Murtoon kun abdii inni dorgommii 'Australian Open ' jedhu irratti ammas mo'achun injifanno isaa itti fufsiisuuf fi yeroo 21ffaa injifachuun rikardii galmeessuuf qabu jalaa balleesse.
''Jookoovich ''akka malee gaduu'' ibsuun garuu murtoo abbootii seeraa akka kabaju hime.
Murtichi ammoo jala bultii dorgommiin isaa jalqabu irra darbe.
'' Biyyichaa baafamuufis qondaalota mootummaa isaan ilaallatu nan deeggaraa,'' jedhe ibsa baaseen.
Garuu yoom hatatamaan aka biyyichaa akka baafamu ifa miti. Murtoon kun yeroo darbu deeggartootni isaa mana murtii ala turan callisaan guutaman.
Deeggaraan isaa tokko yeroon ganna kana itti dabarsu ''qullaa'' na ajalaa tahe jette. Silaa taphataan teenesii beekamaan kun Melbaarnitti dorgomaa tura ture.
MM Awustiraaliyaa Iskoot Moorisan murtoo darbe sirri tahuu himanii ''murtoo daangaa keenya cimsuu fi lammiilee Awustiraaliyaa nagaa gochuuf fudhatamedha,'' jedhan.
''Yeroo weeraraa kanatti lammiileen Awustiraaliyaa aarsaa guddaa kaffalaniiru. Bu'aan aarsaa kaffalanii fidan kunis akka eegamu barbaadu'' jedhan.
Jookoovich himaticha kan bane ministerri Immiigireeshinii biyyattii Aleeksi Haawuk aangoo isaani fayyadamuun viizaa taphataa waan haqaniifi.
Biyyicha keessa turuun isaa namootni talaallii akka hin fudhanne jajjabeessa jedhan. Jookovich talaalii koroonaavaayirasii osoo hin fudhatiin tureera.
Viizaa isaa yeroo jalaa haqamu kanaan yeroo lammafaafi. Jalqaba danbii eeggannoo koroonaavaayirasiif bahe osoo hin eegiin biyyattii gale jedhamuun erga jalqaa haqamee falmii abbootii seeraa adda addaan deebi'eef.
Falmii mana murtii Dilbata har'aa gaggeeffame irrati abukaattotni Jookovich abbootii seeraa sadii duratti ulaagaa mootummaan kaa'e ''sirrii fi haqa qabeessa miti'' jechuun falmii milkii hin qabne gaggeessan.
Murtoon Dilbata har'aa darbe kunis atakaaroo guyyoota kudhaniif turetti xumura godheera.
Taphataan kun osoo hin taalaalamiin biyyattii galuu isaan uummanni hedduun itti aareera. Mootummaanis ''namni tokkoyyuu seeraan ol miti'' jechuun lammiileen biyyattiis seerota weeraricha ittisuuf bahan akka kabajan gaafateera.
Jookoovich namootni akka hin talaalamne jajjabeessuu baatus, akkasumas dhibee sana qabaachuu baatus namootni talaalliin gaarii miti jedhanii duula gaggeessan #IStandWithDjokovic jecuun barreesaa turan.
Amma dorgommii Open Awustiraaliyaa jedhamu irartti taphataan lammii Itaalii sadarkaa 150ffa irra jiru Salvatore Caruso, bakka kan bu'u taha.